Tamsaasa Kallatti:

Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa Miidhagaa fi Duudhaa isaa Eeggateen Kabajame – Qindoomina Qaamolee nageenyaa

Fulbaana 20/2019 (ENA) Ayyaani Irreechaa Hora Finfinnee Magaalaa Finfinneetti kabajame hoggantoota mootummaa, sabootaa fi sablammoota garagaraa, Lammiilee biyya alaa fi turiistoota akkasumas hirmaattota hedduun bakka argamanitti mata duree "Irreecha waliigaltee Biyyaalessaatiif" jedhuun bifa ho’aa fi duudhaa isaa eeggateen kabajamuu isa Humni waloo qindoomina qaamolee nageenyaa Finfinnee beeksiseera.


 

Ayyaanichi qabiyyee aadaa isaa eeggatee bifa miidhagaa fi karaa nagaa ta’een akka kabajamuuf qaamolee hirmaanaa taasisaniif Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Foollee, jiraattota magaalittii akkasumas qamaawwan bulchiinsaa sadarkaan jiraniif; itti gaafatamummaa isaanii bifa gaariin kan ba’an hoggantoota fi miseensota dhaabbilee nagaa fi tasgabbiif humni qindoomina waloo nageenyaa fi tasgabbii galateeffateera.


 

Guyyaa boruu Magaalaa Bishooftuutti ayyaani Irreecha Hora Harsadee qabiyyee aadaa isaa eeggatee akka kabajamuuf dhaabbileen nageenyaa qophii isaanii xumuruun gara hojiitti kan galan waan ta'eef, ummannis deeggarsa isaa cimsee akka ittifuusu odeeffannoon Poolisii Finfinneerraa argamae mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015