Tamsaasa Kallatti:

Hidhi Gibtsii Aswaan dhaala badiiti – Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr. Habtaamuu Ittafaa

Hidhi Gibtsii Aswaan pirojektoota meeggaa Afrikaa keessatti falmii kaasan keessaa isa tokkodha. Ijaarsi hidha kanaa ummata Nuubiyaa kuma 100 ol ta'an qe'eesaanii, jireenyaa fi lafa isaanirraa kan buqqise yoo ta'u, rakkoo hamaafis isaan saaxileera.

Adeemsi ijaarsa hidha Aswaan tarkaanfii qaama tokkoo fi Ashaaraan badii kan keessatti mul'attedha.

Itoophiyaan yeroo sanaatti akka irratti marii’atamu daddeebitee waamicha dhiyeessitus, hidhichi garuu eeyyamaa fi waliigaltee Itoophiyaa malee ijaarameera.

Qo'annoon yeroo sanaa Ameerikaa fi Biriteeniin gaggeeffaman, adeemsa ijaarsa hidha Aswaan ilaalchisee biyyoota yaa'a Laga Abbayyaa waliin marii bal'aan taasifamuu dhabuu isaatiin sodaa ture bifa qabatamaan kan agarsiisan turan.

Galmeewwan 15 bara 1952 hanga 1960tti dokumentii ta’an sodaa kana ibsaniiru.

Haata’u malee, Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa bu’uura waliigaltee ibsameen hammattoo Seeraa ammayyaa bara 2015 mallatteeffame irratti hundaa'e hordofa.

Gibtsi, Itoophiyaa qeequu isheetiin dura, Hidha Aswaan maaliif waliigaltee Itoophiyaa malee akka ijaartee fi ummata Nuubiyaa kuma 100 ol ta'an maaliif akka buqqiste haala ifa ta'een ibsuu qabdi.

Gibtsi hidha Aswaan biyya yaa'a lagaa kamiyyuu waliin marii malee ijaaruun ishee; akkasumas qo'annoo miidhaa isaa osoo hin taasisin ummata Nuubiyaa qe’ee fi jireenyaa isaaniirraa buqqisuun rakkoo hamaaf saaxiluun ishee dhaala badii hidhichaati.

Gaaffiin irra daddeebii Itoophiyaan yeroo sana mariif dhiyeessitus gama Gibtsiin deebii hin arganne.

Faallaa kanaan, dhimmi hidha Haaromsaa guddicha Itoophiyaa , bu’uura qajeeltoo walii galtee Sudaanii fi gibtsii bara 2015 mallatteessan irratti hundaa'uun mariif banaa taasifameera.

Kaanarraa kan ka'e, Gibtsi Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ilaalchisee Itoophiyaa qeequuf haamlee fi sababa tokkollee hin qabdu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015