Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa miidhagaan kabajamee xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa miidhagaan kabajamee xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Fulbaana23/2019 (ENA): Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala duudhaa fi aadaa isa eeggatteen, nagaan, gammachuunii fi bifa adda ta’een miidhagee kabajamee xumuramuu isa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Ayyaani Irreecha Hora Finfinnee bifa miidhagaan kabajamee xumurame – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Fulbaana23/2019 (ENA): Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala duudhaa fi aadaa isaa eeggateen, nagaan, gammachuunii fi bifa adda ta’een miidhagee kabajamee xumuramuu isa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech ergaa isaaniitiin, Irreechi ibsituu galataa, nagaa, jaalalaa fi tokkummaati jedhaniiru.
Aadaa fi duudhaa isaarra dabruun, saboonni adda addaa jaalalaa fi obbolummaadhaan kan wal-arganii fi duudhaaleen waliin jireenyaa fi duudhaa waldanda’uu ummaa keenyaa kan keessatti calaqqisan ayyaana guddaa ta’uu isaa ibsaniiru.
Duudhaalee Irreechaa hojiidhaan argisiisuun, humna keenya qindeeffannee fi tokkummaa keenya cimsuun, nagaa Itoophiyaa, waliigaltee biyyaalessaa fi badhaadhina waliigalaatiif waliin haa tattaafannu jechuun kantiibaa Adaanech waamicha dhiyeessaniiru.
Ayyaanichi nagaan fi milkaa’inaan akka xumuramuuf warra gumaachan hundaaf, keessattuu keessummoota aadaa fi jaalala Itoophiyaatiin kan simatan jiraattota Finfinnee, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee, Foollee, qaamolee tasgabbii fi hoggantoota galateeffataniiru.
"Irreecha waliigaltee biyyaalessaatiif! Irreecha nagaa fi tokkummaaf!" jechuun kantiibaa Adaanech ibsaniiru.