Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Furiitti konsertiifi jala-bultiin Ayyaana Irreechaa sagantaawwan garagaraan gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Furiitti konsertiifi jala-bultiin Ayyaana Irreechaa sagantaawwan garagaraan gaggeeffamaa jira
Fulbaana 22/2019(ENA): Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Furiitti konsertiifi jala-bultiin Ayyaana Irreechaa sagantaawwan garagaraan gaggeeffamaa jira.
Sagantaa kana irrattis hooggantoota olaanoo Magaalaa Shaggar, artistoota bebbeekamoofi hawaasni bal'aan argamaniiru.
Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa (PhD);saganticha irratti argamuun ergaa baga geessanii dabarsuun, Irreechi sirna galateeffannaa Uummatni Oromoo hariiroo Uumama gidduu ittiin cimsu ta'uu himaniiru.
Shaggaris Magaalaa ammayyaa eenyummaa Uummata Oromoo cimsuuf hojjechaa jiru ta'uu kan himan, kanaafis giddugala Aadaafi qorannoowwan garagaraa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Bulchaa kutaa Magaalaa Furii Halaakee Waaqoo (PhD); Irreechi calaqqee duudhaa sirna Gadaa tokkummaa Uummata Oromoo dagaagsu sirna galateeffannaa ta'uu himuu Komunikeeshiniin Magaalaa Shaggar gabaaseera.
#Biyya guddoo, Ummata guddaa, #Mul'ata guddaa
Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links