Tamsaasa Kallatti:

Ergaa Kantiibaa Adaanech Abeebee

Baga Ayyaana Irreecha Nagaan Geessan!

Irreechi Waliigaltee Biyyaalessaaf!

Irreechi ayyaana gaarummaa fi arjummaan Waaqayyoo itti galateeffamu, Uumama waliini waadaan kan itti haareffamu, ayyaana nagaa, jaalalaa, dhiifamaa fi tokkummaati.

Ayyaanni Irreechaa hurrii fi dukkana gannaa irraa gara fulbaana ifaa fi faaya abaaboo birraatiin miidhagetti ce'uu labsuuti.

Magaalaan teenya ayyaana Irreechaatiin miidhagdee, yeroo kamiyyuu caalaa guddina damee tuuriizimii fi simannaa keessummaaf mijattuu taatee, mallattoo nagaa fi miidhaginaa ta'uudhaan gammachuudhaan dinagdee ishee ittiin dadammaqsaa jirti.

''Irreecha Waliigaltee Biyyaaleessaaf" mata duree jedhuun ayyaanni baranaa haala hoo'aa fi miidhagaadhaan akka kabajamuuf, magaalaan keenya Finfinneen sagantaalee aartii fi aadaa garagaraa, konsertoota, mariilee paanaalii, dorgommiilee ispoortii, feestivaalota, egizihbishiniiwwan suuraa fi kanneen kana fakkaatan qopheessuudhaan ayyaanichi miidhagina guddaadhan akka kabajamu taasifama jira.

Kana malees, jiraattotni magaalaa keenyaa waliin keessummoota kabajamoo kutaalee biyyattii garaagaraa fi biyya alaatii dhufan simachuuf qophii ishee xumurtee tumsaa fi qulqullina olaanaan keessummaa simachuu irratti argamti. Waanta'eefuu, ayyaanichi hundi keenya kan ittiin faayamnu, magaalattii keenyaaf hawwata tuuriizimii cimaa, humna fi eebba addunyaaf kan calaqqisiisu ayyaana addaati.

Kanaafuu, ayyaanni dinqisiisaan boonicha waliinii ta'e kun, jiraattotni magaalaa keenyaa hundi aadaa keessummoota simachuu olaanaa gabbifatan hojiidhaan agarsiisuun, lammiilee keenya naannoolee garagaraatii dhufan kabajaan simachuudhaan, jaalalaa fi miira tokkummaa olaanaadhaan miidhaginaa guddaan akka kabajamu waamicha koo kabajaan dhiheessa.

Irra deebiin baga nuun gahe, Isiniin gahe!

Waaqni Itoophiyaa fi Uummata ishee haa Eebbisu

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015