Tamsaasa Kallatti:

Irreechi Ayyaana Galataa, Tokkummaa fi Aadaa Guddaa Biyya Keenyaati -Aadde Shawwit Shaankaa

Fulbaana 22/2019 (ENA):- Itoophiyaan biyya sabdaneessaa, aadaa, duudhaa fi seenaa guddaa qabdu ta’uu eeruun, isaan keessaa tokko Ayyaana Irreechaa ta’uu Ministirri Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawwit Shaankaa ibsan.

Foorimiin Irreechaa 8ffaan har'a Finfinneetti gaggeeffamera.


Aadde Shawwit akka ibsanitti, Irreechi ayyaanota aadaa gurguddoo biyya keenyaa keessaa isa tokko jedhan.

Irreechi ayyaana galataa, tokkummaa fi walitti dhufeenya uummata caalaatti cimsu ta'u himanira.

Ayyaana kana tursiisani Asiin gahu keessatti Abbootiin Gadaa fi Haadhooliin Siinqee gahee guddaa qabu jedhan

Dabalataanis, badhaadhina hundagaleessa biyya keenyaa mirkaneessuuf ayyaanni Irreechaa walitti dhufeenya uummata cimsuu keessatti gahee guddaa akka qabu eeraniiru.


 

Ayyaanota daandii irratti fi dirree irratti kabajaman, kanneen akka Irreechaa misoomsun galii sekteera tuurizimii irraa argamu guddisuuf ministeerichi xiyyeeffannoo kennee akka hojjatuu himan.

Fooramii kanarratti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministira Aadaafi Ispoortii Aadde Shawwit Shaankaa, abbootii Gadaa, Haadhoolii Siinqee dabalatee hoggantoonni naannoo fi federaalaa fi akkasumas ogeeyyiinnifi keessummoonni garagara hirmaataniira.

Foorimiin kun waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo jala bultii ayyaana irreechaa irratti kana gaggeeffamudha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015