Hojiiwwan misoomaa faayidaa hawaasaa mirkaneessan ni milkeessina - Pirezidaanti Ashadlii Hasan - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan misoomaa faayidaa hawaasaa mirkaneessan ni milkeessina - Pirezidaanti Ashadlii Hasan
Fulbaana 22/2019 (ENA): Nageenya naannichaa caalaatti eegsiisuun hojiiwwan misoomaa faayidaa hawaasaa mirkaneessan ni milkeessina jechuun Pirezidaantiin Naannoo Beeniishangul Gumuz Obbo Ashadlii Hasan ibsan.
Manni maree Naannoo Beeniishangul Gumuz yaa'ii hundeeffamaa bara hojii 1ffaa, Waggaa 7ffaa irratti Obbo Ashadlii Hasan irra deebidhaan Pirezidaantii Naannichaa gochuun muudeera.
Pireezidaantichi yaa’icha fuula duraatti kakuu kan raawwatan yoo ta'u, hojiiwwan waggoota dhufan keessatti hojjetaman ilaalchisee mana mareetiif ibsa kennaniiru.
Pireezidaantichi yeroo sanatti akka dubbatanitti, "Itti gaafatamummaa uummataa nuuf kenname amanamummaadhaan sagalee uummataa kabachiisuuf qophiidha jedhaniiru.
Naannichi waggoota milkaa’inoota waliigalaa galmaa’an caalaatti cimsuun hojiiwwan misoomaa hawaasa faayidaa qabeessa taasisan irratti ni hojjenna jechuun ibsaniiru.
Naannichatti ijaarsa bu'uuraalee misoomaa gurguddoo raawwachuun yaa’insa investimentii fooyya'aan akka jiraatuu fi projektoota jireenya hawaasaa fooyyessan akka hojiirra oolan ibsataniiru.