Tamsaasa Kallatti:

Ergaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa 

Hunda dura, ummata Oromoo, ummattoota biyya keenyaa, akkasumas firoottan ummata keenyaa maraan baga jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2019’n isin gahe; Baga booqaa birraa geenye!

Har’a Irreechi hirmaattota duudhaa, amantaa, afaaniifi seenaa garagaraa qaban akkasumas daangaa siyaasaa cabsuun miliyoonota walitti fiduun mallattoo tokkummaa, walmararfannaa, walhubannaa fi nagaa ta’eera.

Ummata Oromoo qofa osoo hintaane, namoonni duudhaa, amantaa, afaanii fi seenaa garagaraa qabanillee Irreecha kabajuun mijuu eebbaa fi gammachuu isaarraa qooddachuu irratti argamu.

Ummanni Oromoo, Irreecha ayyaana galateeffannaa, araaraa fi dhiifamaa taasifachuun diroo hulluuqee umama jiidhaa qabatee, Uumaa isaaf sirna galatoo itti dhiyeessudha.

Irreechi ayyaana galateeffannaa qofa osoo hintaane, hariiroo namaa fi Uumaa, namaa fi umamaa, namaa fi namaa, akkasumas dhaloota darbee fi dhaloota dhufu gidduu jiru haaromsuuf riqicha cimaadha.

Akkuma ofbeekuufi hidda ofii tiksuun gaarii ta’u, dorgommiifi ariitii jijjiirama addunyaa adeemaa jiru waliinis tarkaanfachuun dhimma saphatti irra lufamu miti.

Aadaan imala seenaa keessatti dhaloota waliin tarkaanfataa akka deemu taasisuun barbaachisaadha. Ayyaana kana waggaatti kabaja guyyaa tokkoon bira darbuun gahaa miti; qorannoo gaggeessuu, sirnaa fi duudha isaa galmeessuun dhaloota barsiisuu, aartii, afaanii fi teknoolojii baraa waliin walqabsiisuufi addunyaaf beeksisuun ittigaafatamummaa keenya keessaa isa tokko ta’uu qaba.

Duudhaa fi aadaan keenya taateewwan guyyaa tokkoorra ceesisuun akka madda beekumsaa, kalaqaa, tokkummaafi dandeettii dhalootaa ta’utti guddifachuu barsiifata guyyaa guyyaatti fiduu qabna.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, bu'uura yaadama Ida'amuu, Looreeta Nagaa Addunyaa, Mummee Ministiraa Keenya Abiyyi Ahmadiin (PhD) barreeffameetiin, Haaromsa Aadaa Oromoo labsuun ce'umsa dinagdee, beekumsa, aartii, aadaa fi miidiyaa fi kominikeeshinii irratti tarkaanfiilee bu'uura ta'uu danda'an fudhachaa jira.

Mootummaan, aadaa ummata keenyaa akka taateewan tasa kabajamanii darban osoo hintaane dhimma eenyummaa fi birmadummaa jabana hulluuqu taasisee ilaala. Irreechi ammarratti humna of ittisuu horatus, mootummaan keenya harcaatii, dagannaafi moggeeffama aadaa kamiifuu araarama tokko kan hinqabne ta'uu hubachiisun barbaada.

Bu'uura kanaan, Irreechi bara baraan kabajaa fi ulfina ummata Oromoo madaaluun akka kabajamu, Irreechaarratti qorannoo fi qo'annoon akkasumas, mariin paanaalii akka dhiyaatuuf tumsa barbaachisu taasisaa tureera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, Irreechaa dabalatee, Sirnoonni Addababayii Ummata Oromoo hambaa kiliyaa dhala namaa ta'uun, Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO)'tti akka galmaa'u, hojjii jalqabe cimsee kan ittifufu ta'uu asuman mirkaneessuun barbaada.

Ayyana Gaarii

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015