Tamsaasa Kallatti:

Hirmaattota Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti dhufan simachuuf qophiin gahaan taasifameera – Kantiibaa Adaanech

Fulbaana 22/2019 (ENA):— Hirmaattota Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti hirmaachuuf dhufan simachuuf qophiin gahaan taasifamuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee beeksisan.

Fooramiin Irreechaa 8ffaan, “Irreechaa: Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Irreechi ayyaana galataa fi jaalalaa ta’uu ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee Irreechi Hora Finfinnee akka haala miidhagaa ta’een kabajamuuf naannoo Irreechi itti kabajamu misoomuu dubbatan.


 

Duudhaaleen Ayyaana Irreechaa qabu waliigaltee biyyaalessaa uumuuf gahee olaanaa qabaachuu himaniiru.

Jiraattonni Magaalaa Finfinnee hirmaattota Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaatan simachuuf qophii taasisuu isaanii himaniiru.

Foorumii kanarratti Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministirri Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawwit Shaankaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee dabalatee hoggantoonni naannoo fi federaalaa, akkasumas ogeeyyii fi keessummoonni gara garaa hirmaachaa jiru.

Fooramiin kun waggaa waggaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, jala bultii Ayyaana Irreechaa irratti gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015