Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Naannoo Oromiyaa yaadama ida’amuun aadaa fi duudhaa uummataa dhalootatti dabarsuu caalaatti hojjechaa jira – Obbo Shimallis Abdiisaa

Fulbaana 22/2019 (ENA)  Mootummaan Naannoo Oromiyaa yaadama ida’amuun aadaa fi duudhaa uummataa dhalootatti dabarsuu caalaatti hojjechaa jira jedhan Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

Fooramiin Irreechaa 8ffaan, “Irreechaa: Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti argamuun haasaa kan taasisan Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa yaadama ida’amuun aadaa fi duudhaa uummataa dhalootatti dabarsuuf caalaatti hojjechaa jira jedhaniiru.


Kana booda uummata Oromoo waan amma irra gahe kana irraa qaamni duubatti deebisuu hin jiru jedhaniiru.

Uummanni Oromoo aadaa fi duudhaa isaa rakkoo baay’ee keessatti kunuunsee asiin gahe jedhan.

Mootummaan ida’amuu uummanni aadaa fi duudhaan isaa akka dagaaguufi dhalootatti akka darbuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.


Aadaan Oromoo fi eenyummaan Oromoo guddina biyyaaf gahee guddaa qabu jedhan.

Fooramii kanarratti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Ministira Aadaa fi Ispoortii Aadde Shawwit Shaankaa, Abbootii Gadaa, Haadholii Siinqee dabalatee hoggantoonni naannoo fi federaalaa, akkasumas ogeeyyiin fi keessummoonni garaagaraa hirmaachaa jiru.

Fooramiin kun waggaa waggaadhaan kan gaggeeffamu yoo ta’u, jala bultii Ayyaana Irreechaa irratti gaggeeffama.

Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015