Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan
Fulbaana 22/2019 (ENA) Itti Aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ayyaana Irreechaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Itti aanaan Ministira Muummees ergaa isaaniitiin, Irreechi uummata Oromoo biratti waqtii roobaa fi qormaatilee gannaa darbee, uumanni uffata aadaan miidhagee waqtiin birraa uumamaan bareedee yennaa mul'atu Waaqayyoof galateeffannaa fi faaruun kan itti dhiheessu ayyaana galateeffannaa midhagaa ta'uu ibsaniiru.
Irreechi kan darbe galataan kan yaadatu, isa ammaa nagaan kan kabaju, kan fuulduraas abdii fi gammachuun kan simatu mallattoo tokkummaa fi obbolummaati jedhan.
Uummannis waan aragateef waaqaaf galateeffannaadhiheessa; bara haarattiis nagaa, eebbaa fi badhaadhinni akka bu’uuf kadhaanaa dhiyeessa jedhaniiru.
Itoophiyaan duudhaalee waloo kanneen akka Irreechaa irratti hundaa'uun, sabdaneessummaa ishee gara tokkummaatti, tokkummaa ishee gara humnaatti, humna immoo gara misoomaatti, misooma immoo gara qaroomina walootti jijjiiruuf daandii qabatte caalaatti cimsaa akka jirtu ibsaniiru.
Irreechi barnoota gudaa nu barsiisu kanuma. Tokkummaan yeroo dhaabbannu humni keenya ni cima, yeroo wal hubachuun imallu abjuu keenya isa fagoo gara dhugoomsuutti fidna.
Yeroo waloon hojjennus abdii keenya isa waliinii gara firiitti geessina jedhaniiru.
Ayyaanonni keenya madda isaanii naannoo tokko irraa jalqabu. Adeemsa keessa garuu kan hunda keenyaa ta'aniiru.
Nitis addunyaaf gumaachineerra. Nu kabaju,tokkummaa keenya cimsu, nu badhaadhomsuus jedhaniiru.
Itti Aanaan Ministira Muummee Irreechi hundee nagaa keenyaa, cimina tokkummaa keenyaa fi walooma egeree keenya isa waliinii caalaatti kan itti calaqqisiisu akka ta'u hawwii gaarii isaanii ibsaniiru
Biyya guddoo, Ummata guddaa, Mul'ata guddaa