Irreechi Nagaadha! Gadaan Qaroomina! Qaroominni Itoophiyaa hin oolleedha! -ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Irreechi Nagaadha! Gadaan Qaroomina! Qaroominni Itoophiyaa hin oolleedha! -ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Fulbaana 22/2019(ENA): Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad kabaja Ayyaana Irreechaa ilaachisuun ergaa dabarsaniiru.
Baga bacaqii gannaa oofkaltanii, booqaa birraatiin isin gahe.
Dukkanni gannaa darbee biiftuun birraa yoo baatu Oromoon tokkummaan, tartiiba aadaatiin malkaatti bahee waaqasaa dukkana gannaa isa dabarse galateeffata. Kan dhufuufis abdii kaawwata. Abbootiin ‘Mareehoo’, haadholiin ‘Araaroo’ jechaa waaqa arjaaf galata galchu. Malkaa bu’uunis xaddacha saaqu.
Ganni gurraachi waan namatti hin tolle danuu qaba. Dukkanni gannaa sochii namaafi bineensaa ittisee, bakka garaa gahuu nama hanqisa.Yandoon, galoon, dhoqqeefi mucucni ganna keessaa birraan akka malee akka yaadamu godha. Seenaa guddina diinagdee, amala siyaasaafi bulchiinsaa Itoophiyaa barootaaf ture, hedduusaa dukkana gannaa kanaan fakkeessuu dandeenya.
Itoophiyaan biyya guddoo taatee osoo jirtuu haga maqaa gahuu hin dandeenye. Qabeenya uumamaafi nam-tolchee heddu osoo qabduu, waan beekumsaan sirnaan hin hoogganamneef humna qabatamaatti jijjiiruu dadhabdee hiyyummaaf fakkeenya ta’aa baate. Seenaa mootummaa bara dheeraa qabaattus, sirna bulchiinsaa ammayyaa’ee rakkoo uummataa furee biyya ceesisu ijaaruuf rakkachaa turteetti. Haala teessuma lafaa ofirra darbee addunyaa irratti dhiibbaa uumuu danda’u qabaattus, dhimma itti hin baane. Kanarraa kan ka’e biyya gumbii midhaaniirra teessee beeloftu, kan burqaa bishaanii qabaattee dheebottu, uummata osoo qabuu dhabe taanee turre.
Ganni dukkanni darbuun isaa seera uumaati. Roobni gannaa, milkiis dhiisee darba. Bishaan roobaa lafa seenee, dachee quubsee biqilaaf tola; sanyii faca’e magarsee, bilcheessee, ilillii birraa daraarsee abdii namatti hora. Ililliin birraa foolii tola, halluu bareedaafi bifa hawwataa qaba. Sanyiin midhaanii marges birraa firii guuttata.
Oromoonis kanaaf birraaf bakka guddaa qaba.
Jijjiiramni uummanni keenya qabsoosaatiin fidates birraadhaan fakkeeffama. Mul’anni birraa Itoophiyaaf qabanne: biyya tokkummaa cimaa qabdu, birmadummaan ishii tikfame, kan baay’inaan oomishtu, rakkoo bifa kamuu dandamattee Afrikaaf adda durummaan fakkeenya taatu ijaaruudha. Karoorri tarsimoowaan Itoophiyaa qaroominatti ceesisu hojiitti hiikamaa jira.
Akeeka kanaan, Mootummaan Jijjiiramaa rakkoowwan nam-tolcheefi uumamaa turan gara carraatti geeddaree bu’aawwan jajjaboo gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaan galmeessaa jira. Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa xumuramuun, Mariin Biyyoolessaa haala milkaa’een taa’amuun, ijaarsi warshaalee xaa’oofi boba’aa eegalamuun, akkasumas ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu jalqabamuun biiftuun qaroomina Itoophiyaa quuqxee bahaa jiraachuuf agarsiistuu muraasa.
Gaaffii qabsoo uummanni Oromoo afaan, aadaafi duudhaasaa guddifachuuf taasise guutummaatti deebisuuf misooma aadaatiin Irreechi Hora Finfinnee malkaasaatti deebi’ee sirnoomuun, Irreechi Hora Har-sadee bareedina Magaalaa Bishooftuun kuulamee olka’ee kabajamuun fakkeenya ijoodha. Qaroominni amma ijaarru duudhaa ganamaa keenyarratti akka bu’uureeffatu gochuuf falaasama ida’amuutiin karoorsinee, beekumsa walootiif barnoota Gadaafi Safuu, haqa walootiif Mana Murtii Aadaa, misooma walootiif Tajaajila Lammummaa, nageenya walootiif Gaachana Sirnaa jaarmiyaan idileessinee sirna ijaaraa jirra.
Ifti jijjiiramaa Itoophiyaaf bahuu eegale kun dukkana, rooba, dhoqqeefi mucuca gannaa kamiinuu kana booda gufachuu hin danda’u. Qormaatileen garuu ammas jiru. Qormaatileen kunneen humna Itoophiyaafi uummatashiiti gadi. Amma, uummanni Itoophiyaa tokkummaa isaa cimsee, obbolummaa dagaagsee, jaalalaan ida’amee qaroomina Itoophiyaa dhugoomsuuf tumsaa jira. Nus akka mootummaa sagalee uummataan filameetti, Yaadama Ida’amuu duudha keenyaarraa maddeen qaroomina Itoophiyaa dhugoomsuuf cichinee hojjachaa jirra. Gootummaa abbootii keenya Aduwaa itti fufsiisnee, Itoophiyaa diinarraa tiksaa jirra.
Daangaa isaan sararan keessatti walqixxummaa, badhaadhinaafi nagaan akka haalaan mirkanaa’uuf cichinee hojjachaa jirra. Duudhaa sirna Gadaa ka’uumsa godhannee garaagarummaa yaadaa ilaafi ilaameen sirreessuuf marii biyyaatti jirra.
Gama biraatiin diinaafi baandaa ‘ani foon malee hin nyaatin; hoolaan koo garuu hin tuqamin!’ jedhan dura dhaabbannee faayidaa biyya keenyaa kabachiifna. Obbolaa keenya karaa dogongoraa qabatanii faallaa biyyasaanii dhaabbataniif, akkuma mammaaksi Oromoo jedhe ‘Bakka oolan irra bakka bulantu caala!’ waan ta’eef, ammas fuulasaanii nagaatti yoo deebisan, balballi nagaa akkuma banametti jiraachuu irra-deebi’een mirkaneessa.
Oromoon qabsoosaatiin bilisoomeera. Gaaffiin Oromoo afaan qawweefi keettoo diinaa ta’uudhaan deebi’u kana booda abadan hin jiru.
Kabajamaa uummata keenya,
Ayyaana Irreechaa wayita kabajnu akkuma duudhaasaa tokkummaa kudhaamannee, harka keenya araaraafi nagaaf diriirsinee, qalbii keenya dhiifamatti deebifnee, waan arganneef waaqa galateeffachaa, tikfachaa, waan hanqate obsaan eeggachaa, akkuma kaleessa Oromoon dhiigaafi lafee abbootiisaatiin Itoophiyaa ijaare, ammas qaroomina Itoophiyaa dhugoomsuuf beekumsa, humnaafi leecalloo qabnuun, obboloota keenya saba, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa hunda waliin taanee adda durummaan Itoophiyaa akka utubnu waamichan isiniif dhiyeessa!
Irreechi Nagaadha! Gadaan Qaroomina! Qaroominni Itoophiyaa hin oolleedha!
Kallachaafi Caaccuun yaa hoofkalu!
Itoophiyaan tattaaffii ijoolleeshiitiin kabajamtee bara baraan haa jiraattu!
Waaqni Itoophiyaafi Uummatashee haa eebbisu!
Fulbaana 2019, Finfinnee
See less