Tamsaasa Kallatti:

Irreecha yeroo kabajnu Duudhaalee Nageenyaa fi Tokkummaa dargaggootaaf dabarsuun ta’uu qaba – Manguddoota

Fulbaana 22/2019 (ENA) – Irreecha yeroo kabajnu duudhaalee nageenyaa fi tokkummaa dhalootaaf dabarsuun ta’uu akka qabu Manguddoonni magaalaa Adaamaa beksisan.

Ayyaanni Irreechaa ayyaana galateeffannaa qofa osoo hin taane, waltajjii nageenyi, obbolummaan, dhiifamni, araarrii fi tokkummaan itti haaromudha.

Ayyaanichi waltajjii saboonnii fi sablammoonni, jaalalaa fi tokkummaan walitti dhufanidha.

Kanaafuu, duudhaalee aadaa fi hawaasummaa dhalootaaf dabarsuun nageenya fi waliin jireenya ijaaruuf murteessaa akka ta’e amanama.

Manguddoonni Adaamaa yaada isaanii ENA’f kennaniinis, dargaggoonnis hiika sirrii nageenyaa fi misoomaa Ayyaana Irreechaa hubatee dhaloota itti aanuuf dabarsuuf itti gaafatamummaa akka qabu hubachiisuu akka qaban eeraniiru.

Jiraataa magaalaa Adaamaa fi manguddoo biyyaa Obbo Girmaa Sanbatoo akka jedhanitti; duudhaalee hawaasummaa uummata Oromoo hedduu keessaa tokko Irreecha ta’uu ibsuun, kaayyoon gudaan Irreechaa Uumaa galateeffachuu ta’uu ibsaniiru.

Irreechi Finfinnee fi Bishooftuu dabalatee magaalota adda addaatti miidhaginaan yeroo kabajnu, akka aadaan keenya eeyyamutti tokkummaa fi nageanyaan ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Kana hojiirra oolchuufis Foolleewwan, Haadholiin Siinqee, Abbootii Gadaa fi uummanni bal’aan gahee irraa eegalamu gumaachuu akka qaban dhaamaniiru.

Manguddoon biyyaa Obbo Xilahuun Raagoo gamasaaniin Ayyaanni Irreechaa ji'a Fuulbaanaa keessa kabajamu uummata Oromoo biratti iddoo guddaa kan qabu waan ta'eef, yeroo hunda xiqqaan fi guddaan hawwiidhaan kan eegu ta’uu dubbataniiru.

Ayyaanichi waliin jireenya, tokkummaa fi obbolummaa ol’aanaa kan cimsu ta’ee waggaa waggaatti kan kabajamu ta’uu fi nageenya isaas eegsisuuf gaheen Foolleewwanii ol’aanaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafuu, duudhaalee aadaa fi hawaasummaa ayyaanichaa osoo irra hin dabiin dhalootaa dhalootatti dabarsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Irreechi uummata bal’aa walitti dhiyeessuu fi waliin jireenya cimsuu bira darbee, miidhagina biyyaa kan ol kaasu waan ta'eef, duudhaa kana osoo hin cabsiin dhaloota haaraaf dabarsuun akka barbaachisu kan hubachiisan ammoo manguddoo biyyaa xahaa Hamdaati. Ayyaanichi mallattoo nageenyaa fi jaalalaati jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015