Tamsaasa Kallatti:

Caaseffamni godinaalee haaraan mootummaa naannoo Oromiyaatiin ifoome fayyadama lammiilees ta’e biyyaa hunda galeessaa ta’e mirkaneessuuf dandeettii cimaa kan uumudha-jiraattota

Fulbaana 21/2019 (ENA) - Caaseffamni godinaalee haaraan mootummaa naannoo Oromiyaatiin ifoome hojiilee misoomaa gama hundaan hojjetamaniin sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa fiduun fayyadama lammiilees ta’e biyyaa hunda galeessaa ta’e mirkaneessuuf dandeettii cimaa kan uumu ta’uu jiraattonni magaalaa Mattuu ibsan.

Caaseffamni godinaalee kun gurmaa’insa mootummaa caalaa gara hawaasaatti gadi buusuun qaqqabinsa misoomaa fi bulchiinsa gaarii dabaluuf humna kan uumudha jechuun ibsaniiru.

Fayyadamummaa fi guddina lammiilee mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaa aangoo mootummaa naannichaa sadarkaa godinaa, aanaa fi gandatti kan dabalu ta’uu jiraattonni magaalichaa ENA’n dubbise ibsaniiru.

Godinaalee naannichaa 21 turan 6tti hir’isuun sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannootti akka gaggeeffaman taasifamuunsaanii murtoo sadarkaa godinaatti kennamu kan guddisu waan ta’ef faayidaa guddaa akka qabaatu kan kaasan jiraataa magaalaa Mattuu obbo Shariif Shifaa ti.

Caaseffamni kun namoonni tajaajilaa fi gaaffii misoomaa dhiheenyatti akka argatan kan taasisu akka ta’e ibsaniiru.

Jiraataan magaalichaa obbo Sisaay Taaddasaa caaseffamni godinaa haaraan aangoon gara hawaasaatti akka bu’u gochuun fayyadama misoomaa caalaatti mirkaneessuu kan dandeessisu akka ta’u amantaa qaban ibsaniiru.

Caaseffamichi sirna aangoo jiddu galeessa hin taane waan mirkaneessuuf dhiheenyatti tajaajila kennuuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa hojiirra oolchuudhaan fayyadama misoomaa lammiilees ta’e biyyaa mirkaneessuuf humna guddaa kan uumu ta’uusaa kan kaasan ammo obbo Addisuu Taammiruuti.

Kaayyoon hojmaata caaseffama godinaa haaraa mootummaa naannichaan yaadame fayyadama lammiilee fi ummataa walii galaa akka dhugoomu hirmaannaa fi kutannoo hundaa murteessaa waan ta’eef waan irraa barbaadamu bahachuuf qophii ta’uusaanii jiraattonni kaasaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015