Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti Irreeffatamu sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila konkolaattotaaf cufaa tahan Qajeelchi Olaanaa Poolisii Finfinnee Ibse - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti Irreeffatamu sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila konkolaattotaaf cufaa tahan Qajeelchi Olaanaa Poolisii Finfinnee Ibse
Fulbaana 22/2019 (ENA):— Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneetti Irreeffatamu sababeeffachuun daandiiwwan tajaajila konkolaattotaaf cufaa tahan Qajeelchi Olaanaa Poolisii Finfinnee ifoomsera.
Poolisiin Finfinnee daandiiwwan har'a sa'atii 4:00 irraa eegaluun geejjibaaf cufaa tahan ifoomse.
Irreecha Hora Finfinnee, Fulbaana 23/2019 Finfinneetti kabajamu hordofee Irreeffattootaaf haala mijataa uumuuf har'a Fulbaana 22/2019, sa’aatii 4:00 irraa eegalee hanga sagantaan irreeffannaa xumuramutti, daandiiwwan tajaajila geejjiba konkolaattotaaf cufaa tahan Poolisiin ibseera.
Bu'uuruma kanaan;
Maggananyaa irraa Addababaayii Masqalaa naannawaa Addababaayii 22 ykn Golaagol olii fi gadi
Riqicha Adawaa irraa gara Gamoo Zarihuunii fi gara Addababaayii Qiddus Uraa’el , naannawaa qaxxaamura Gamoo Zarihuunitti.
Ibsaa Atlaas irraa gara Addabaabaayii Qiddus Uraa’el – naannawaa ibsaa Piikook irratti.
Riqicha Boolee Ruwaandaa irraa gara Addabaabaay Masqalaa – naannawaa Addababaayii Walloo olii fi gadi.
Addababaayii Gaazeboo, duuba Gamoo Dambal irraa gara Filaamingoo, akkasumas Addabaabaayii Gaazeboo irraa karaa haaraa gara ibsaa Laga harreetti.
Bakka Taboota Qiddus Qirqoos irraa gara ibsaa Lagaharree, naannawaa ibsaa bakka bultii Tabootaa Qirqoos.
Qaxxamura Birhaan Itiyoophiyaa karaa haaraan gara Mana Amantaa Qidduus Qirqoos ( Qaxxamura birhaan Itiyoophiyaa).
Gamtaa Afrikaa Qaxxamuura Mikaa’eel gara Meeksikkoo ( Qaxxamura Qidduus Mikaa’eel irratti.
Ibsaa Gamtaa Afrikaarraa gara Addabaabaayii Meeksikoo Ibsaa Gamtaa Afrikaarratti.
Mana Murtii Olaanaa gara Addababaayii Meeksiikoo - Mana Murtii Olaanaarratti.
Meeksikoo Warshaa Araqee irraa gara Addabaabaayii Meeksikootti -Qaxxamura Warshaa Araqee
Mana 40/60 Sangaa Taraa irraa gara ibsaa Sangaa Taraa – naannawaa qaxxaamura manneen 40/60.
Ibsaa Gommaa Quxxabaa irraa gara Tiyaatira Biyyaalessaa.
Meetirooloojii irraa gara ibsaa Poostaa.
Sheelii Xiquur Ambasaarraa Immigireeshinii , naannawaa
Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!