Magaalaan Shaggar magaalaa dinagdee rakkoo hawaasaa ishee furuuf hundoofte- Kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa(PhD) - ENA Afaan Oromoo
Magaalaan Shaggar magaalaa dinagdee rakkoo hawaasaa ishee furuuf hundoofte- Kantiibaa Magaalaa Shaggar Tashoomaa Addunyaa(PhD)
Fulbaana 21/2019(ENA): Magaalaan Shaggar magaalaa dinagdee rakkoo hawaasaa ishee furuuf hundoofte dha jedhan Kantiibaan Magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa.
Fooramiin invastimantii Oromiyaa 2026
Carraawwan Shagaggar qabdu gara invastimantii Turizimiitti jijjiiruu jedhu magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira.
Fooramii kana irratti argamuun Dr. Tashoomaa Addunyaa ergaa dabarsaniin magaalaan Shaggar magaalaa dinagdee hawaasa isheef mijatu uumuuf hundooftedha jedhan.
Magaalattiin carraawwan qabdutti kanatti fayyadamuun hawaasa ishee hirmaachisuun sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta'aa jirti jedhan.
Gama biraan invastimantii qabdu kana industiriidhaan deeggaruun cimsaa jiraachuu dubbatani.
Gama teknooloojiinis yoo ta'e magaalaan Shaggar fayyadamummaa hawaasa ishee mirkaneessaa jirti jedhan.
Waggoota sadan darban kana keessatti jijjiiramoonni hedduun argamuu eerani.
Gara fuula duraattis magaalaa Shaggar magaalaa dinagdeen filatamtuu taate arguun hojii cimaan hojjechaa itti fufna jedhan.
Carraawwan invastimantii Shaggar qabdutti abbootiin qabeenyaas akka fayyadaman dhaamaniiru.
Marii paanaalii kana irratti abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa, komishinara Turizimii Oromiyaa Komishinar Lalisee Dhugaa,itti aanaa komishinara komishinii Turizimii Oromiyaa komishinar Naggaa Wadaajoo, Hogganaa waajjira Turizimii magaalaa Shaggar Turizimii Biiniyaam Dureessoo fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.