Tamsaasa Kallatti:

AYYAANA IRREECHAA YAADAMA MOOTUMMAA IDA’AMUUN MIIDHAGAA DHUFE

Ayyaanni Irreechaa aadaa, eenyummaa fi duudhaa Oromoo kan calaqqisiisu ta’ee, hirmaannaa fi yaadama mootummaa dabalatee  bifa haaraa fi miidhagaa ta’een kabajamaa dhufe. Hirmaannaan mootummaa  tajaajila hawaasaa fi haala ayyaanichaa daran bareechuuf gahee olaanaa qaba.

MAALUMMAA  IRREECHA

Ummanni Oromoo  aadaa, eenyummaa, sirnaa fi shaakala uumaa isaa itti galateeffatu ni qaba.

Oromoon kan amanu fakkaattii kan hin qabne uumaa Waaqaa fi lafaa, tokkicha hundaan olii, Waaqa tokkichattidha. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaattii kan hin qabne uumaa samii fi lafa kanaati.

Oromoon uumama Waaqaa fi harka namaa ta'an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu; garuu uumama kanatu gochaa fi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata.

Kanaaf, Oromoon malkaawwan, tulluuwwan, mukkeen ulfoo ta'an, gaarreewwanitti bahee Waaqa isaa galateeffata; kadhatas.

Oromoon hojii fi humna Waaqaa kanneen uumama keessatti argaman ilaaluun ajaaibsiifata; raajeffata. 

Sirna Waaqa isaa itti dhugeeffatuufi galateeffatus qaba. Kanas dhuunfaa fi gamtaan guyyaafi iddoo ulfoo (sacred place) filatametti ni galateeffata.

Guyyaa Oromoon Waaqa isaa itti galateeffatu kun guyyaa galateeffannaa yookaan Ayyaana Irreechaa jedhama.


 

Irreechi aadaa Oromoo keessatti adeemsa Waaqa uumaa waan hundumaa itti galateeffatanidha.

Irreechi sirna ykn guyyaa galateeffannaa (Oromo Thanks giving day) Oromooti. Sirna Oromoon uumama qabatee, Waaqa tokkicha uumaa waan hundaa ta'e ittiin galateeffatudha.

Ayyaanni Irreechaa iccitiilee Waaqa wajjin hariiroo qabaachuu dhala namaatiin walqabata.Ummata Oromoo biratti kallattiin ittiin uumaa Waaqaafi lafa kana uume itti kabajaniifi kadhatan keessaa Ayyaanni Irreechaa isa tokko.

Akka falaasamaa fi ilaalcha Oromootti Waaqni tokkichi, gurraachi garaa garbaa ulfoodha. Dachee, malkaa, tulluu, samii, lubbu qabeeyyiifi dhabeeyyii hunda kan uume isa waan ta'eef.

Oromoonis Waaqa isaa, dachee fi waan dacheerra jiraatu, akkasumas waan garaa dachee keessa jiru maraaf jiruu fi jireenya isaa guyyaa guyyaa keessatti iddoo guddaa fi olaanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaa fi safuun Oromoon Waaqaaf qabus kanuma irraa madda.

Ummanni Oromoo kabajaa fi ulfina Waaqayyoof qabu kana kan ittiin ibsatu ammoo sirna galateeffannaa ykn Irreecha jedhama.


 

Kanaaf, Oromoon uumama qabatee uumaa isaa kana galateeffata.

Gabaabumatti, Irreechi guyyaa galata Waaqaati. Guyyaa Ummanni Oromoo Malkaa ykn Horaa fi Tulluu irratti bahuun nageenyaa fi araara, dhiifama, hawwiifi milkii gaarii, badhaadhina, akkasumas tokkummaa fi obbolummaa itti labsudha.

Irreechi Oromoo kun falaasama galateeffannaa ykn dhugeeffannaa Oromoon addunyaa kana keessatti ittiin humna Waaqaa ibsu, jireenya lafa kanaa raaju, dhoksaa ykn icciitii jiruu fi jireenyaa dhalootaaf ykn labata itti aanuuf ittiin ibsudha.

Akka falaasama Oromootti waan hunda dura Waaqatu ture. Waaqni ammoo uumaa uumama maraati. Kana irraa ka'uun Oromoon waggaatti yeroo lama Waqtii Birraa keessa Malkaatti bahuun, Waqtii Arfaasaa keessa ammoo Tulluutti bahuun Waaqa uumaa isaa galateeffata; akkasumas kadhata.


 

Kana duwwaa osoo hin taane, yeroo balaawwan uumamaa mudatanii biyyi rakkoo keessa galtu, waraanni yoo jiraate, dhibeewwan daddarboo adda addaa ka'uun yeroo lubbuu namootaa fi bineeldotaa galaafatan Oromoon sirnoota garagaraa raawwachuun Malkaa fi Tulluutti bahuun Waaqa araaraa fi wagii gaafata; kadhatas.

Ayyaanni Irreechaa madda eenyummaa, aadaa, guddinaa fi tokkummaa Oromoo ta’uu isaarra  darbee, keessumaa erga yaadamni  mootummaa ida’amuu jalqabee yaadama "Ida'amuu"  waliin   wal-qabatee  xiyyeffannoo argatee jira.

ADEEMSA_IRREEFFANNAA

Irreechi guyyaa galataa waaqa, namni hundi akkuma umrii isaatti uffataa aadaa uffatee, dargaggoonni bareedani, haawwanis faaya aadaan bareedani Abbootiin Gadaa Kallacha, Alangee fi Marga Jiidhaa Qabatani Durbaa Qarree fuulduraa aansuun, beera cifiree kan umriin deeman, Abbootii Gadaa fi foolleen akkasuma hawaasni walduraa duubaan gara malkaatti deemu.


 

Sababni adeemsaa gara irreechaatti taasifamu keessatti durba qarree fuuldura aansaniif dubartii qarreen seena irreechaa keessatti maatiin waldhabdeen jidduu isaanitti uumamuun addaan faffaca’ee ture kadhaa dubartii qarreetiin walitti deebitee, nagaa fi araarri bu’a jedhamee waan ilaalamuuf  akka mallattoo qulqullummaatti ilaalama jedhama.


 

IRREECHA TULLUU FI  MALKAA

  1. Irreecha Tulluu

Irreechi Tulluu kan kabajamu ji'oonni Bonaa darbanii yeroo bokkaan Arfaasaa itti roobuu qaba jedhamee eeggamu keessattidha. Waqtiin Bonaa goginsaan beekama. Aduufi ho'a irraan kan ka'e jiidhi lafaa gogee, Bonni ykn goginsi itti hammaatudha. Yoo Bonni ykn goginsi kun dheerate, hammaate, bineeldas ta'ee dhala namaa ni miidha ykn balaarra ni buusa jedhamee yaadama.

 Kun akka hin taaneef  walakkeessa ji’a Bitootessaatti maanguddoonni wal waamanii akka duudhaa fi sirna galateeffannaa Oromootti iddoo jiidha qaba jedhamutti wal gahanii harka isaanii gara Waaqaatti qabanii "Jiidha nu hin dhoowwatiin!;  waqtiileen toora isaanii eeganii haa naanna'an!; qilleensa roobaa nuuf kenni!; araar"   jedhanii Tulluutti ba'anii Waaqa tokkicha   kadhatu.

Irreecha Tulluutiin Oromoon Arfaasaan rooba gaarii akka ta'uuf kadhata. Sangaan camadame gatiittii akka jabaatuuf, kan facaafatan gurra arfaniin akka biqiluuf, dukkana Gannaa nagaan akka bahaniif, kan itti kadhatanidha.

 IRREECHA MALKAA

Irreechi Malkaa (Kan Hora Finfinneefi Harsadii) kan irreeffatamu walakkeessa ykn gara xumura Baatii Fulbaanaa, Ayyaana Gubaa ykn Masqalaa booda guyyaa Sanbataa fi Dilbataa itti aanudha.

Irreecha Hora Finfinnee fi Harsadiin alattis Oromoon tooruma jiraatutti haala qabatamaa naannoo isaatiin Malkaa ykn Hora Ulfoo naannoo isaa jirutti bahee hanga ji'a Sadaasaa walakkeessaatti ni irreeffatama.

Waqtiin Gannaa Waqtii dhoqqee fi bacaqiiti. Waqtii duumessi, qorrii fi roobni isaa jiruu fi jireenyaaf mijataa hin taane, Waqtii ulfaataadha.


Oromoon Waqtii Gannaa kana irraa gara Waqtii Birraatti ce’uu isaatiif Waaqaaf galata galcha.

"Baga dukkanaafi bacaqii Gannaa baatan, baga booruu Gannaa ceetanii, booqaa Birraa geessan" waliin jechuudhaan Malkaatti bahanii Waaqa waan hundaa uume, Waaqa waan hundaa isaaniif oole, garaa qulqulluudhaan araaraa gaafatu.

Oolmaa Waaqayyoos leellisu; himus. Birraan dhufe nagaa fi araara akka fiduuf kadhata.

Yaadama Mootummaa Ida’amuutiin wal-qabatee

 Ayyaana Irreechaa ilaalchisee qabxiilee gurguddoo armaan gadiitu eerama:

1. Hammattummaa fi Tokkummaa Sabdaneessummaa 

Duudhaa ida’amuu : Yaadamni Ida'amuu garaagarummaa fi sab-daneessummaa walitti makuun aangoo fi humna waliinii uumuu irratti xiyyeeffata. Haaluma Kanaan Irrechi sabaa fi sablamootaan miidhagee  waloomaa fi sabdaneessummaa calaqqisiisa.

Irreecha: Irreechi galateeffannaa, araara fi firooma waan ta'eef, saboota fi sablammoota Itoophiyaa adda addaa biratti akka agarsiisa tokkummaa, hammattummaa fi jaalalaatti ilaalamaa jira. Finfinnee fi Hora Harsadeetti saboonni adda addaa afeeramuun waliin ayyaaneffachuun isaanii gocha 'Ida'amuu' qabataamaadha.

  1. Aadaa fi Eenyummaa:  Mootummaan Ida'amuu aadaa fi seenaa uummatootaa deebisanii gabbisuun dandeettii dinagdee fi Turizimii uumuuf xiyyeeffannoo gudaa kenna.
  2. Diinagdee badhaadhinaa fi Turizimii : Ayyaanni Irreechaa meeshaa aadaa qofa osoo   hin ta'in, madda  dinagdee fi turizimii seenaa  akka ta'u hojjetamaa jira.


 Waggaa waggaaan turistootaa fi hirmaattota miliyoonaan lakkaa'aman gara Hora Finfinnee fi Hora Harsadiitti hawwachuudhaan, damee hoteelaa, fi geejjibaatiif socho'iinsa dinagdee guddaa uuma.

4. Nageenya fi Araara imala biyyooleessaa: Ida'amuun  yaadama isaa irratti nageenya, araara fi wal-dandeesttii   uumuu irratti hundaa'a.

 Irreechi ammoo hundee isaarraa  Ayyaana Safuu, Araaraa fi Waaqa galateeffachuuti.  

Gabaabumatti, yaadama Ida’amuu keessatti Ayyaanni Irreechaa aadaa Oromoo qofa osoo hin ta'in, mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa, madda nageenyaa fi humna diinagdee ittiin badhaadhina waliinii mirkaneessan kan biraa ta’ee itti fufaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015