Doktor Masaay Hayiluu Pirezidaantii Haaraa Naannoo Sidamaa ta'uun muudaman - ENA Afaan Oromoo
Doktor Masaay Hayiluu Pirezidaantii Haaraa Naannoo Sidamaa ta'uun muudaman
Fulbaana 21/2019 (ENA) Manni maree Naannoo Sidamaa Doktor Masaay Hayiluu Pirezidaantii haaraa naannicha gochuun muudeera.
Yaa’iin hundeeffamaa mana maree Naannichaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira.
Kanaanis, Doktor Masaay Hayiluu Pireezidaantii Naannichaa ta'uun muudamaniiru.
Doktor Masaay kanaan dura Dhaabbata Fayyaa hawaasaa Itoophiyaatti daarektera olaanaa ta'uun tajaajilaa turaniiru.
Manni mariachi waga’ii hundeeffamaa kana irratti Itti Aanaa Pireezidaantii Naannichaa fi muudamoota biroos ni raggaasisa jedhamee eegama