Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman kan gamaaggamu koree beenyaa hundeessite

Fulbaana 21/2019 (ENA) - Itiyoophiyaan pirojektoota bishaanii Gibtsiin gufachiifamanii kasaaraawwanii fi carraalee misoomaa jala darban kan gamaaggamu koree biyyaalessaa hundeessuushee ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa beeksisan.

Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENA wliin turtii taasinaniin akka ibsanitti, hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Gibtsiin gufachiifaman 22 ol koree Kanaan adda baafamanii hojiitti galameera.

Yaaddoowwan Itiyoophiyaa bara dheeraa misooma yaa’a Abbayyaarratti wal hin gitne ilaalchisee deeggarsi hayyootaa guddachaa dhufe jiraachuu himanii, kun ammoo kasaaraa dinagdee seenaa keessatti irra gahee fi carraalee misoomaa jala darbeef beenyaa akka argattu gaaffiishee ni cimsa jedhaniiru.

Koreen haaraa hundeeffame kun pirojektootarratti ragaalee qindeessaa fi gaaffiiwwan beenyaa Itiyoophiyaan gaafattu bu’urasaanii qorachaa akka jiru ministirri Injiinar Habtaamuun dubbataniiru.

Korichi ogeeyyota, ministiroota duraanii, gorsitootaa fi ogeeyyota seeraa kasaaraa qaqqabee fi kana furuuf kan gargaaran akkaataa itti dhiheeffamu qorachaa jiran akka of keessaa qabu eeraniiru.

Yeroo ammaa hidha haaromsaa dabalatee pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman ilaalchisee ragaawwan walitti qabamuusaanii dubbatanii, hawaasa addunyaa fuulduratti wantoota yakka ta’aniin Itiyoophiyaa doorsisuuf yaalaa turuusaanii kaasaniiru.

Gamaaggamni Koreen kun gaggeessu akka hin hojjetamne kan taasifaman pirojektoota qofaa osoo hin taane tattaaffii eegumsa naannoo Itiyoophiyaan itti jirtuu fi bu’uraaleen bulchiinsa bishaanii faayidaa yaa’a gajjallaaf kennan akka xiinxalu ibsaniiru.

Sagantaa biqiltuu ashaaraa magariisaatiin mukkeen biiliyoona 50 caalan dhaabamuusaanii yaadachiisanii, Baaroo, Abbayya fi Takazee dabalatee laggeen gurguddoorratti hojiin misooma sululaa gaggeeffamuu eeraniiru.

Hojiiwwan eegumsa naannoo kunneen qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa eeguu fi yaa’a Abbayyaa keessatti dhiibbaawwan haala qilleensaa qolachuuf gumaacha taasifte akka xiinxalu injiinar Habtaamuun ibsaniiru.

Akkasumas hidhi haaromsaa guddichi yaa’a laga Abbaayyaa to’achuudhaan qooda guddaa inni qabu kan ibsan ministirichi, akkaataan hidhi kun itti hojjetame biyyoota yaa’a gadii balaa lolaarraa baraaruu fi yeroo roobni xiqqaatutti bishaan akka addaan hin cinne akka gargaaru ibsaniiru.

Haalawwan roobaa elniinoon walqabatanii amma jiran bulchiinsa bishaanii qindaa’aa akka barbaachisu kan eeran ministirichi, yaa’a bishaanii to’achuun Sudaanii fi Gibtsi dabalatee biyyoota yaa’a gadiif faayidaa kennuu akka danda’u eeraniiru.

Adeemsi Itiyoophiyaa boqonnaawwan ifa ta’an akka qabaatan akka ta’u, mari’achuunii fi walii galtee waloorra gahuun filmaata yoo ta’u, kanneen biroo ammoo Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa kan taasisan beenyaa argachuuf filmaattota hordofamuu qaban akka ta’an ministirri injiinar Habtaamuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015