Tamsaasa Kallatti:

Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormiin haaraan mootummaa jabaa hundeessuu hojiitti hiikameera- Obbo Hayiluu Addunyaa

Fulbaana 21/2019 (ENA): Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormiin haaraan mootummaa jabaa hundeessuu hojiitti hiikamuusaa hogganaan Tajaajila koomunikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf rifoormii haaraa ijaarsa sirnaa cimaa fi mootummaa jabaa bu'uuressuu dandeessisu hojiitti hiikee jiraachuu hoogganaan Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Rifoormii haaraan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Caffee Oromiyaan ragga'ee hojiirra oole kun imala badhaadhinaa milkeessuuf karoora of danda'uuf qophaa'e ta'uu ibsuun, gurmaa'insi kunis sadarkaa naannoo irraa eegalee hanga Gandaatti ijaarsa mootummaa, sirnaaafi fayyadamummaa uummataa milkaa'aa kan taasisu ta'uu kaasaniiru.

Riifoormii kanaan sadarkaa Naannootti Manneen hojii mootummaa 58 turan gara 41 gadi buusuu fi haala hojiin walfakkaatuun gurmeessuu kaasuun, sadarkaa Godinaattis Godinaalee 21 kan ture gara Godina 6tti gurmaa'ee jiraachuu ibsaniiru.


 

Galmi rifoormii haaraa kanaas aangoon murteessummaa hanga sadarkaa Gandaatti kan gadi bu'u ta'uu, tajaajilli sadarkaa naannootti daangeffame kan gadi bu'uu fi uummanni tajaajila barbaadu dhiyeenya isaatti akka argatuuf ta'uu obbo Hayiluun himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo roga hundaan galmaa'aa jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf karoora of-danda'uu bara 2019-2023 turu Caffeen Oromiyaatiin raggaasisuu kaasuun, karoorri of danda'uu yaadama Ida'amuu irraa kan madde horata karoora xiiqiin kan masakame ce'umsa tirannaarraa gara utaalchootti taasifamu mirkaneessuun Imala Badhaadhinaa bu'uuressuuf kan gargaaru ta'uu eeraniiru.

Dhimmoonni bu'uuraa karoora of danda'uu kunis nyaataan of-danda'uu, Faayinaansiin of-danda'uu, Beekumsaa fi Ogummaan of-dandauu, Bu'uuraalee Misoomaan of-danda'uu, Hoggansaan of-danda'uu, Nageenyaan of-danda'uu, Industiriin of-danda'uu, Teeknooloojiin of-danda'uu Sirnaan of-danda'uu Humna Anniisaan of-danda'uufi Jaarmayaaleen of-danda'uu kan hammate ta'uu ibsa kennaniin dubbataniiru.


 

karoorri of-danda'uu kallattiiwwan bu'uuraa gurguddoo Itoophiyaa diinagdeen utubuuf sekteroota hundaan ce'umsa mirkaneessuu, hawaasummaan dursuu, beekumsa, saayinsii fi teeknoloojiin dorgomaa ta'uu, Nageenya Oromiyaa mirkaneessuun nageenya Itoophiyaa hoogganuu fi naannoo nageenyaan fakkeenyummaa qabduu ijaaruu akka ta'e obbo Hayiluun ibsa kanaan himaniiru.

Karoora of-danda'uu bara 2019-2023 turuun dinagdeen Oromiyaa karaa itti fufiinsa qabuun akka guddatuuf kan hojjetamu ta'uu eeruun, Dinagdeen naannichaa bara 2018 dhibentaa 10.7 irra kan ture giddugaleessaan waggoota Shanan dhufan keessatti dhibbentaa 12.5 akka guddatuu kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Guddinni waliigalaa kun damee dameen wayiita ilaalamus: Qonni 41.5 irraa gara 32.6, Indastiriin 19.5 irraa gara 33.5, Tajaajilli 39.3 irraa gara 34.5fi hiyyummaa hir'isuun %37.4 irraa gara 20.5 akka ta'u dubbataniiru.

Galmoota kanneen milkeessuufis Qonna Bonaa, Arfaasaa fi Gannaatiin lafa hekt. Mil.17.3 irraa gara 19.08fi Oomisha kunt. Mil. 511.34 irraa gara 712.61 ol guddisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasuun, Simannaa Investimantii ilaalchisee humna simannaa keessaa fi alaa guddisuun Oromiyaa jiddugala investimentii taasisuu fi Simannaa pirojektoota investimentii bara 2018 kuma 13 fi414 irra ture gara kuma 77 fi 656 ol guddisuuf kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.

Misooma Albuudaa ilaalchisee seeraan alummaa misooma albuudaa keessa jiiru maksuun dinagdee naannichaa utubuuf xiyyeeffannoo addaan kan hojjetamuu fi Galii Alergii albuuda $ mil. 770 ture $Bil 2.64 Oomisha gabaa biyya keessaaf dhiyaatu Qr. Bil 4.3 gara bil. 13.9 ol guddisuuf kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.

Galiin guddina biyya tokkoof dhimma murteessaa waan ta'eef Mootummaan sirna galii sassaabuu ammayyeessuun baasii naannichaa ofiin of danda'uuf xiyyeeffannaa kennee kan hojjetuu fi Galii waliigalaa Naannoo Oromiyaa qarshii bil. 494.35 irra kan ture gara Qarshii Tir.2.3 irraan ga'uuf kan hojjetamu ta'uu obbo Hayiluun ibsaniiru.


 

Carraa Hojii Uumuu ilaalchisee bara 2018 dhaabbiidhaan mil. 2.79 irra ture bara 2023 gara mil. 18.3 kan guddatu ta'uu kaasuun, misooma Barnootaan wal qabatee cabinsa barnootaa qolachuun dhaloota saayinsii fi tekinoolojiin dorgomaa ta'e horachuuf Mana Barumsaa bara 2018 kuma 37fi 121 irra ture gara kuma 42fi 052 guddisuufi Barattoota mil. 12.4 irraa gara mil. 15.3 oliitti ol guddisuuf kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Misooma Fayyaan wal qabatees tarsiimoo dhibee dursanii ittisuu fi yaalanii fayyisuu mirkaneessaa deemuun hawaasa fayya buleessa utubaa egeree ta'e horachuuf kan hojjetamu ta'uu eeruun, uwwisa IFH Mil. 32 irra ture gara mil. 35, Kellaa Fayyaa dhaloota 2ffaa 184 irraa gara 871fi kenna tajaajila fayyaa gama hundaan fooyyesuuf kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.

Cabinsa Aadaa fi Duudhaa Oromoo qolachuuf hojiin haaromsa aadaa eegalamee jiru cimee kan itti fufu ta'uu fi galma kana milkeessuuf hojii hojjetamaa dhufeen Dagaagina Aadaa Oromoo sadarkaa ol'aanatti ceesisuu, gufuu beekumsaa fi barmaatilee furuun diinagdee baadiyaa ceesisuu fi Ogummaa fi beekumsa hawaasaa bu'uura cimaa Sirna Gadaa irratti ijaaruuf kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Misooma Magaalaa fi magaaloomsuu

Magaalota guddisuu, miidhaksuu, duudhaa ganamaa eegee akka ijaaramu taasisuuf hojii hojjetameen injifannoon galmaa'aa dhufeeuu himuun, waggoota Shanan dhufan keessatti Magaalomsuu Naannoo Oromiyaa dhibbentaa 23 irra gara 30 ol guddisuu fi dhiyeessii Manneen jireenyaa kuma 232 fi 510 irra ture gara kuma 440 fi 683 Mandaroota ammayyaa Qonnaan bulaa 5 irra ture gara 500 olguddisuuf kan hojjetamu ta'uus dubbataniiru.

Nageenya Oromiyaa Mirkaneessuun wal qabatee Godinaalee Oromiyaa hundatti nageenyi waara'ee uummanni nagaan ba'ee akka galuuf bara kana kutannoo cimaan kan hojjetamu ta'uu ibsa isaaniin kaasaniiru.

Hanga ammaatti waamicha uummataa fi mootummaan taasifameen qaamoliin hidhatanii bosona jiran Waraana gad qabanii harka nagaa olqabanii baayinaan gala turuufi ammas galaa jiraachuufi imalli nagaa waaressuu kunis siyaasni qe'ee Oromoo afaan qawwee irraa gara morkii yaadaatti akka ce'uuf boqonnaa haaraa saaqaa dhufee jiraachuu ibsaniiru.

Imala kana namni hunduu deeggaruu fi fiixaan ba'iinsa isaaf hojjechuu akka qabuu kaasuun, qaamoliin ergamtummaa jalaa ba'uuf fedhii hin qabne dantaa uummata Oromoo dura kan dhaabbatan gocha badii isaanii itti fufanii jiraachuu fi Qaamolee keessaa fi alaa waliin firooma waloo “Tsimdoo” jedhamu uumanii jeequmsaaf haala mijeessaa kan jiran akkasumas humni kun injifannoo Oromoo kopha kophaa dhiibuun jiksuu waan dadhabaniif humna waloo kana gurmeessan Tsimdoo garee finxaalessa Oromoo, Oromummaa fi sabdaneessummaa hadheeffatee jibbu ta'uu kaasaniiru.

Injifannoo Oromoon galmeessaa dhufee fi jiru dhoksuu, saamuu fi cilee dibaa kan dhufe humna finxaalessaa garee kanaan of gurmeesse ta'uu fi Shaneen araara diduu qofa osoo hin taane Tsimdoo udeellattee Oromiyaa galchuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, ejjennoon Mootummaa Naannoo Oromiyaa injifannoo uummataa aarsaa qaaliin dhufe sadarkaa boodatti deebi'uu hin dandeenye irraa ga'uu, hiyyummaafi boodatti hafummaa qolachuu ta'uu dubbataniiru.

Kanaafis garaagarummaan yaadaa akkuma jirutti ta'ee dhimmoota bu'uura tokkummaa Oromoof bu'uura ta'e ijaaruufi Oromiyaa keessattis sagalee qawwee callisiisuuf tarkaanfii barbaachisu hunda kan fudhatuufi badhaadhina milkeessuufis halkaniifi guyyaa kan hojjetu ta'uu ibsaniiru.

Oromoon akkatti qabsaa'uufi eenyu waliin akka qabsaa'u cimsee hubatee jiraachuu himuun, qaamoleen dogoggoraaniis ta'ee sababoota garaagaraan garee Tsimdootti makaman qabsoo karaa nagaatti akka deebi'an waamicha mootummaafi uummataaf kabaja malu akka laatan hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015