Tamsaasa Kallatti:

Irreechi walitti dhufeenya Hawaasaa cimsuu fi duudhaalee biyyaalessaa ibsuu keessatti gahee olaanaa qaba

Fulbaana 21/2019 (ENA ) Irreechi walitti dhufeenya Hawaasaa cimsuu fi duudhaalee biyyaalessaa calaqqisiisuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa qorattoonni Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo ibsan.

Itoophiyaan biyya guddoo ummata guddaa fi agarsiiftuu milkaa'ina olaanaa kan ta'e mul'ata aadaa kan qabdu ta'uun ishee ni beekama.

Guddummaashee kana karaa hundagaleessa ta'een milkeessuu fi walitti dhufeenya ummataa cimsuu keessatti dameen aadaa adda durummaan kan eeramudha.

Ayyaana Aadaa Itoophiyaanotaa addabaabayitti kabajaman miidhagaa fi ummatni bal'aan irratti hirmaatu keessaa ayyaanni Irreechaa uummata Oromoo biratti waggaa waggaadhaan gammachuu guddaan kan kabajamudha.

Ayyaanni kun hawaasni dukkanaa fi rooba gannaa nagaan darbee, uumaa isaa ifa isa agarsiisee galateeffachuuf ayyaana galateeffannaa guddaa kabajamudha.

Waggaa waggaan sirna hawaasummaa fi aadaan miidhagee kabajamu Ayyaana addabaabaayii guddaa dha.

Baranas fulbaana 23 Finfinneetti (Hora Finfinnee) akkasumas guyyaa itti aanu fulbaana 24 Bishooftuutti (Hora Arsadee) sirna adda addaan haala duudhaa isaa eeggateen ni kabajama.

Hayyoota damichaa ENA’f yaada kennanis faayidaa biyyaalessaa Ayyaana Irreechaa ilaalchisee qorattoota Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo irraa dubbiseera.

Qorataan artii inistitiyuutichaa obbo Maammoo Sabbooqsaa ENA'f akka ibsanitti, ayyaana dirree hawaasa Oromoo biratti kabajaman keessaa Irreechi tokko ta’uu ibsuun, Ayyaanni kun kutaa hawaasaa adda addaa waltajjii tokko irratti kan wallitti fidu , aadaa fi duudhaa walii beekuuf haala mijataa kan uumu ta'uus dubbataniiru.

Qorataan seenaa Inistitiyuutii Qorannoo Oromoo obbo Girmaa Nammaraa gama isaaniitiin Irreechi Itoophiyummaa kan calaqqisu ta'uu ibsaniiru.

Qophii kana irratti lammiileen kutaa biyyaa adda addaa irraa dhufan aadaa, safuu fi duudhaa isaanii qabatanii kan argaman waan ta'eef, lammiilee jiddutti wal- jijjiirraa aadaa gochuuf carraa uuma jedhan.

Ayyaanonni Irreechaa namoota jiddutti walitti dhiyeenya uumuuf, tokkummaa ummataa cimsuu keessatti gaheen isaanii olaanaadha jechuun ibsan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015