Tamsaasa Kallatti:

Mootummaa cimaa itti fufinsa guddina Magaalaatiif

Nageenya Waaraa fi misooma itti fufinsa qabu dhugoomsuuf dandeettii raawwachiisummaa caasaalee mootummaa cimsuun murteessaadha. Akka biyyaatti xiyyeefannoo Magaalotaaf kennameen jijjiiramni mul’achuu eegalee jira.

Jijjiiramoonni guddina magaalotaa keesatti mul’atan kunis kutannoo hoggansa cimaa magaalaan ta’uun ni beekama.

Magaalli fayyadamummaa uummata mirkaneessuuf pirojektoota uummata bu’uureffatan irratti hojjechuun, caasaalee sadarkaa sadarkaan jiran hirmaachisuun kan hojiitti hiikama.

Misooma guddina magaala tokkoo itti fufsiisuuf hoggansi cimaan shoora olaanaa taphata. Pirojektiin "Maaddii Shaggariif" Magaalaa Finfinnee misoomsuun, magaalattii jiraattotaaf mijaattuu fi bakka gahumsa tuuristoota addunyaa taasisuuf hojiin eegalame agarsiistu guddaadha.

Hoggansi magaalaa guddima itti fufinsa qabu mirkaneessuu fi Jireenya jiraattota magaalaa fooyyessan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo guddaan halkanii fi guyyaa hojjechuun kan irraa eeggamu ta’a.


Manni maree magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee irra deebiin kantiibaa magaalaa Finfinnee gochuun muudeera. Kantiibaa Adaanech Abeebee haasaa taasisaniin akka ibsanitti , har’a kan fudhanne muudama qofa osoo hin ta’iin imaanaa ummataa ta’uuti jedhan.

Jiraattonni magaalaa Finfinnee bal’inaan bahee filannoo walii galaa torbaffaa irratti hirmaachuusaa ibsanii, kunis aadaan demokiraasii guddina kan itti agarsiise ta’uu dubbataniiru.

Hojiilee paartiin badhaadhinaa hojjeteen ummanni kaardiisaatiin beekamtii kennuu eeranii, paartilee dorgomtootaa fis sagaleesaa kennuusaa dubbataniiru.

Mootummaan ummata isa filateefis kan isa hin filanneefis amanamummaa fi itti gaafatamummaan akka tajaajilu mirkaneessaniiru.

Ijaarsa dhaabbilee tajaajila Uummata, magaalaa jireettotaaf mijattuu taate ijaaruu fi kenniinsa tajaajila hawaasaa fooyyessanirratti xiyyeeffatamee ni hojjetama jedhaniiru.


Finfinnee Miidhagduu gochuuf haala kabaja ummataa eegeen ni raawwatama jechuun dubbatanii, Nageenyaa fi tasgabbii waaraa magaalattiitti mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiran cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Hoggantoonni magaalicha haala jireenya ummataa fooyyessuuf xiyyeeffannoo addaan akka hojjetan hubachiisanii, hojiileen hojjetaman caalaatti akka milkaa’an ummannis qoodasaa akka bahatu dhaamaniiru.

Guddina dinagdee ittifufinsa qabu mirkaneessuuf humni nageenyaa fi hirmaannaan hawaasa murteessaa waan ta'eef qindoominni fi ciminni hoggansa sadarkaan jiruu guddina magaalaa tokkoof gahee olaanaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015