Dorgommiin Miss Irreechaa Marsaa 2ffaan Bishooftuutti gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Dorgommiin Miss Irreechaa Marsaa 2ffaan Bishooftuutti gaggeeffame
Bishooftuu, Fulbaana 21/2019 (ENA) – Dorgommiin Bareedduu Irreechaa (Miss Irreechaa) marsaa 2ffaan kaleessa galgala magaalaa Bishooftuutti sirna ho’aa fi hawwataa ta’een gaggeeffameera.
Dorgommicha Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa fi Hoteelaa fi Riizoortii Shanan waliin ta’uun qopheessuun ibsameera.
Saganticharratti haasaa baniinsaa kan taasisan Gorsaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa, Obbo Biraanuu Buuxee, filannoon injifattuu Miss Irreechaa bareedina qaamaa qofarratti kan hundaa’e akka hin taane ibsaniiru.
Filannoon kun beekumsa sirnaa fi duudhaa Irreechaa, aadaa fi seenaa Oromoo, akkasumas naamusaa fi ilaalcha gaarii dorgomtootaa kan ilaallatu ta’uu dubbataniiru.
Durbeen Miss Irreechaa taatee filatamtu Ambaasaaddara Irreechaa ta’uun, duudhaa fi ulfoo ayyaanichaa addunyaatti beeksisuuf hojiiwwan gara garaa kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Sagantaan Miss Irreechaa kun dhaloota haaraa Irreechaa waliin wal barsiisuu, aadaa fi duudhaa Oromoo cimsuu, akkasumas kabaja ayyaanichaa daran miidhagsuu fi fakkeenya gaarii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhameera.
Dabalataanis, Irreechi ayyaana galataa, nagaa, jaalalaa fi tokkummaa waan ta’eef, injifattoonni dorgommichaa duudhaalee kanneen hawaasa keessatti beeksisuu fi babal’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Abbaan Qabeenyaa Hoteelaa fi Riizoortii Shanan, Obbo Boonaa Daabalaa, gama isaaniin akka jedhanitti, kaayyoon guddaan dorgommichaa damee kanaan seenaa, aadaa fi akkaataa jireenyaa Oromoo beeksisuu, akkasumas hawaasa keessatti hubannoo bal’aa uumuu dha.
Dorgommiin Miss Irreechaa kunis aadaa fi duudhaa Oromoo dhaloota haaraatti dabarsuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru.
Dorgommii Miss Irreechaa marsaa 2ffaa bara kanaa gaggeeffameen Durbee Urjii Biqilaa injifattuu ta’uun filatamteetti.