Naannoo Harariitti sagantaa soorata barattootaa eegalchiisuuf qophiin taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti sagantaa soorata barattootaa eegalchiisuuf qophiin taasifameera
Fulbaana 20/2019(ENA)- Bara barnootaa kana naannoo Harariitti maneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa 68 keessatti sagantaa soorata barattootaa eegalchiisuuf qophiin taasifamuusaa biiroon barnootaa naannichaa ibse.
Hogganaan biiroo barnootaa naannichaa obbo Geetuu Nagawoo ENA’f akka ibsanitti, naannichatti qulqullina barnootaa mirkaneessuudhaan lammii bu’a qabeessa, ga’oomaa fi dorgomuu danda’u horachuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiru.
Kanneen keessaa sagantaan soorata barattootaa tokko ta’uu eeraniiru.
Sagantaan kun maneen barnootaatti erga hojiirra ooluu eegalee asitti barattoonni kufanii fi barumsa addaan kutan hir’achaa dhufuusaa fi qabxiinsaaniis fooyya’aa dhufuusaa dubbataniiru.
Bara barumsaa baranaatti sagantaan kun maneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa magaalaa fi baadiyyaa naannichaa 68 keessatti akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Sagantaan kun bajata mootummaan naannichaa ramade birrii miiliyoona 46 fi hirmaannaa ummataan akka gaggeeffamu eeraniiru.
Sagantaa kana baatii dhufu eegalchiisuuf galtee guutuun, kutaalee barattoonni itti sooratan mijeessuun akkasumas haadholii barattoota sooran leenjisuunii fi qophiileen biroo taasifamuu eeraniiru.
Barattoonni kuma 40 sagantaa kanatti akka gargaaraman beeksisaniiru.
Bara barnoota kanatti naannoo Harariitti barumsa idileen duraa irraa amma sadarkaa lammaffaatti barattoonni kuma 91 ol akka baratan beekameera.