Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaampaanii Booyingi waliin walii galtee bittaa xiyyaarotaa mallatteesse - ENA Afaan Oromoo
Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kaampaanii Booyingi waliin walii galtee bittaa xiyyaarotaa mallatteesse
Fulbaana 20/2019 (ENA) - Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii kaargoo haala olaanaan kan guddisuuf xiyyaarotaa fe’isaa booyingi 777 jedhamu 10 bituuf kaampaanii Booyiingi waliin walii galtee mallatteesse.
Milkaa’ina biyya guddoo, ummata guddaa fi mul’ata guddaaf gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa walii galtee bittaa xiyyaaraa gara boqonnaa milkaa’inaa haaraatti isa ceesisu har’a mallatteesseera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo fi itti aanaan pirezidaantii olaanaa gurgurtaa daldalaa fi maarkeetiingii kaampaanii Booyingi Biraad Makmulan walii galtee kana mallatteessaniiru.
Walii galtichi qooda geejjiba fe’isa qilleensaa naannoo fi idil addunyaa Itiyoophiyaan qabdu cimsuuf akkasumas daandiin qilleensichaa fedhii maamilootaa dabalaa dhufe guutuuf humnasaa cimsuuf kan akeekamedha.
Kana malees daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa qaqqabummaa fe’isaa bal’isuuf tarsiimoo yeroo dheeraaf karoorfate kan deeggaru ta’uun ibsameera.
Hojii raawwachiisaan olaanaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo sirna mallattoorratti akka ibsanitti, walii galteen har’a taasifame saddettansaa xiyyaarota ammayyaa B777-8F fi xiyyaarota fe’isaa B777 lama bituuf kan dandeessisudha.
Walii galteen bittaa xiyyaaraa kun tarsiimoo guddinaa daandiin qilleensichaa bara 2040 qabate keessatti baayina xiyyaarotaa dabaluu fi teeknooloojiin ammayyeessuun utubaawwan ijoo keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Tokkoon tokkoon xiyyaarotaa fe’isa toonii 117 ta’u baachuu kan danda’anii fi boba’aa kan qusatan ta’uun hojii raawwachiisaa olaanaan kun eeraniiru.
Daandiin qilleensichaa xiyyaarota teeknooloojiin deeggaraman harkatti galfachuun Afriikaarraa tajaajila adda duree kennaa jiru cimsee akka itti fufsiisu ta’uu ibsaniiru.
itti aanaan pirezidaantii olaanaa gurgurtaa daldalaa fi maarkeetiingii kaampaanii Booyingi Biraad Makmulan gamasaaniin, tumsi daandii qilleensaa Itiyoophiyaa fi kaampaanii Booyingi jidduu jiru waggaa 80 guutuusaa ibsaniiru.
Waggaa lama dura xiyyaara booyingi 777-9 ajajuusaa yaadachiisanii, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaara kana ajajuudhaan Afriikaarraa kan jalqabaa akka ture eeraniiru.
Daandiin qilleensichaa guyyaa har’aas xiyyaara fe’isaa 777-8f ajajuudhaan daandii qilleensaa Afriikaa kan jalqabaa ta’uu ibsaniiru.
Walii galteen kun dandeettii dorgommii daandii qilleensichaa kan guddisuu fi fedhii kaargoo dabalaa dhufe guutuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.