Tamsaasa Kallatti:

Dhimmoota jireenya jiraattota magaalaa fooyyessan irratti xiyyeeffannoo addaan ni hojjetama-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Fulbaana 20/2019 (ENA)- Dhimmoota jireenya jiraattota magaalaa Finfinnee fooyyessan irratti xiyyeeffannoo addaan ni akka hojjetamu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Manni maree magaalaa Finfinnee hundeessa mootummaa bulchiinsa magaalaa fi yaa’ii baniinsaa marsaa 4ffaa gaggeessaa jira.

Manni maree kun adde Adaanech Abeebee irra deebiin kantiibaa magaalaa Finfinnee gochuun muudeera.

Kantiibaa Adaanechi wayita kana dubbii dubbataniin akka jedhanitti, har’a kan fudhanne muudama qofa osoo hin ta’iin imaanaa ummataas ta’uu ibsaniiru.

Manni mareen haaraa tajaajila Finfinneef boqonnaa haaraa kan banu ta’uu dubbataniiru.

Jiraataan magaalaa Finfinnee bal’inaan bahee filannoo walii galaa torbaffaa irratti hirmaachuusaa ibsanii, kunis aadaan demokiraasii guddina kan itti agarsiise ta’uu dubbataniiru.

Kantiibaa Adaanech kutannoo Lammiileen ijaarsa sirna demokiraasiif agarsiisanii fi hirmaannaa cimaa taasisaniif galateeffataniiru.

Hojiilee paartiin badhaadhinaa hojjeteef ummanni kaardiisaatiin beekamtii kennuu eeranii, paartilee dorgomtootaafis sagaleesaa kennuusaa dubbataniiru.

Haala Kanaan paartileen dorgomtootaa mana maree magaalaa Finfinnee keessatti bal’inaan makamuunsaanii hunda hammattummaa akka agarsiisu dubbataniiru.

Mootummaan ummata isa filateefis kan isa hin filanneefis amanamummaa fi itti gaafatamummaan akka tajaajilu mirkaneessaniiru.

Mootummaan pirojektootaa fi lakkoofsaan gamatti jireenya lammiileerratti hojii lakkaa’amu hojjechuuf akka carraaqu dubbataniiru.

Ijaarsa dhaabbilee ummata tajaajila, magaalaa jireettotaaf mijattuu taate ijaaruu fi kenniinsa tajaajila hawaasaa fooyyessanirratti xiyyeeffatamee ni hojjetama.

Finfinnee akkuma maqaashee haaraa gochuuf haala kabaja ummataa eegeen ni raawwatama jedhameera.

Nageenyaa fi tasgabbii waaraa magaalattiitti mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru.

Hoggantoonni magaalicha haala jireenya ummataa fooyyessuuf xiyyeeffannoo addaan akka hojjetan hubachiisanii, hojiileen hojjetaman caalaatti akka milkaa’an ummannis qoodasaa akka bahatu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015