Miseensonni Caffee Oromiyaa Haaraan Imaanaa Uummanni Isaanitti Kenne galmaan gahuuf qophii ta’uu himan - ENA Afaan Oromoo
Miseensonni Caffee Oromiyaa Haaraan Imaanaa Uummanni Isaanitti Kenne galmaan gahuuf qophii ta’uu himan
Fulbaana 20/2019 (ENA):- Miseensonni Caffee Oromiyaa marsaa 7ffaa, uummanni filannoo marsaa 7ffaa irratti imaanaa guddaa isaanitti kennuun bakka bu’oota isaa taasifatee, itti gaafatamummaa isaanii sirnaan bahuuf hojjechuuf qophii ta’uu himan.
Miseensonni Caffee Oromiyaa kunneen, filannoo irratti uummanni imaanaa isaanitti kenne guddaa fi itti gaafatamummaa ulfaataa ta’uu ibsanii, rakkooleefi gaaffilee uummataa adda baasuun furmaata barbaaduu, sagalee uummataa bakka bu’uun dhageessisuu, akkasumas misoomaa fi nageenya irratti uummata waliin hojjechuuf qophii ta’u himan.
Imaanaa uummanni isaanitti kenne sirnaan bahuuf, uummata bira ga’uun rakkoolee fi gaaffilee isaanii dhaggeeffachuu, akkasumas furmaata waaraa akka argatan irratti xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Guutaa Gadaa, filannoo marsaa 7ffaa keessatti uummanni qormaatawwanii fi haala ulfaataa keessa darbuun bakka bu’oota isaa filachuu eeruun, uummanni bakka bu’oota isaa irraa waan guddaa akka eegu dubbataniiru.
Imaammatawwanii fi murteewwan mootummaa uummata bira sirnaan akka ga’an gochuu, fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu fi gaaffilee hawaasaa mootummaa biraan gahuun hojiiwwan ijoo miseensota Caffee ta’uu himaniiru.
Akkasumas, dambiiwwan, qajeelfamootaa fi labsiiwwan jiran sirnaan hubachuun, uummata waliin gadi bu’anii hojjechuun bu’aawwan gurguddaa fiduu akka danda’u ibsaniiru.
Aadde Shuumee Kaameen gama isaaniitiin, uummanni qaama bakka bu’oota isaa ta’an filachuu himanii, amanamummaa uummanni isaan irratti qabuuf deebii hojii kennuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Rakkoolee bulchiinsa gaarii fi rakkoolee hawaasa irratti dhiibbaa geessisan adda baasuun, marii uummataa bal’inaan gaggeessuun furmaata waaraa fiduuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Sheek Ahimad Mahammad gama isaaniin, uummanni filannoo irratti sagalee isaa kennuun itti gaafatamummaa guddaa bakka bu’oota Caffee irra kaa’uu himaniiru.
Karoora mootummaa naannichaa, keessumaa tajaajila hawaasaa fi misooma irratti xiyyeeffate, galmaan ga’uuf waan barbaachisu hundaa uummataa fi manneen hojii mootummaa gidduutti walitti fiduun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Aadde Shamsiyaa Waliyyiin, miseensonni Caffee Oromiyaa marsaa 7ffaa uummataa fi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun hojjechuu akka qaban himaniiru.
Sagalee uummataa dhageessisuu, rakkoo fi komii uummataa qaamolee dhimmi ilaallatuuf dabarsuu, akkasumas furmaata akka argatuuf hordoffii taasisuun hojii isaanii keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Aadde Shamsiyaan, nageenyi gaaffii ijoo uummanni bakka bu’oota isaa irraa eegu keessaa tokko ta’uu kaasuun, nageenyi waaraan marii, waliigaltee fi walhubannaa irratti hundaa’uu akka qabu dubbataniiru.
Kanaaf, rakkoolee uumaman karaa marii fi nagaatiin furuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Aadde Zarfee Baqqalaa, uummanni imaanaa guddaa isaanitti kennuun filachuu himuun, amantaa uummanni isaan irratti qabu hojii qabatamaa ta’een deebisuuf qophii ta’uu dubbataniiru.
Hawaasa isaanii humna, yeroo fi qalbii guutuun tajaajiluuf kutannoo qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Aadde Shamsiyaa Abdallaa gama isaaniitiin, miseensonni Caffee uummataa fi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun gaaffii fi fedhii uummataa adda baasanii mootummaa biraan gahuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Keessumaa, uummanni misooma akkamii akka barbaadu adda baasuu, rakkoolee jiran qaama mootummaa dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuu fi deebii argame uummata biraan ga’uuf waggoota shanan dhufan keessatti hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.