Manni Maree Magaalaa Finfinnee hundeeffama mootummaa fi walga’ii 4ffaa baninsa Mana Marichaa har'a gaggeessa - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Magaalaa Finfinnee hundeeffama mootummaa fi walga’ii 4ffaa baninsa Mana Marichaa har'a gaggeessa
Fulbaana 20/2019 (ENA) Manni Maree Magaalaa Finfinnee hundeeffama mootummaafi walga’ii 4ffaa baniinsa Mana Marichaa har'a akka gaggeessu ibsameera.
Manni Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hundeeffama mootummaa fi walga’ii 4ffaa baninsa Mana Marichaa har'a Fulbaana 20/2019 sa'atii 2:00 irraa eegale akka gaggeessu beeksisera.
Walga’iin kun galma Mana Marichaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, walgahicharratti miseensonni filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bakka bu’uun Mana Marichaaf filataman akka hirmaatan odeeffannoon Mana Marichaa irraa argamee ni mul’isa.