Magaalli Shaggar keessummoota Ayyaana Irreechaa kabajuuf dhufan simachuuf qophii xumuruu ishee ibsite - ENA Afaan Oromoo
Magaalli Shaggar keessummoota Ayyaana Irreechaa kabajuuf dhufan simachuuf qophii xumuruu ishee ibsite
Fulbaana 19/2019 (ENA) – Magaalli Shaggar keessummoota ayyaana Irreechaa bara kanaa kabajuuf kallattii garaa garaatiin keessummoota dhufan simachuuf qophii xumuruusaanii Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa kan waggaa waggaatti keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa hirmaachisu, waggoota dhihoo keessa ummata Itoophiyaa biratti Waltajjii guddaa tokkummaa fi wal-jijjiirraa aadaa ta'aa dhufeera.
Magaalli Shaggar namoota gara Hora Finfinnee fi Hora Arsadii deemaniif harki caalaan isaanii magaalicha keessa waan darbaniif simachuun qophii xumereera.
Simannaa keessummootaa cinaatti oomisha qonnaa, beelladaa fi bu'aalee beelladaa, lukkuu, akkasumas oomishaalee harkaa, bu’aalee mukaa beeksisuu fi hawaasaf gatii madaalawaan dhiheessuuf kutaa magaalichaa hunda keessatti baazaarii fi agarsiisni ni banamu.
Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee keessattis meeshaaleen ayyaana Irreechaa miidhagsan dhihaatanii baazaarii fi agarsiisni banameera.
Sagantaa baniinsa baazaarii fi agarsiisarratti kan argaman Kantiibaan magaalichaa Dr. Tashoomaa Aduunyaa akka jedhanitti, Shaggar bara kana keessummoota ishee simachuuf qaamolee dhimmi ilaalu wajjin qindoominaan hojjechuun qophii xumuruu ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa bara kanaa akka biyyaatti yeroo itti milkaa'inoonni hedduun itti galmaa'anitti kabajamuun isaa adda isa taasisa kan jedhaniiru.
Kantiibaan kun, ayyaanicha yeroo kabajnu abdii guddaan, tokkummaa cimaa fi wal-jaalala agarsiisuun ta'uu qaba jedhaniiru.