Dr. Jamiiluu Janbar Baqqalaa sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hoogganaa waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Finfinnee ta'uun muudaman - ENA Afaan Oromoo
Dr. Jamiiluu Janbar Baqqalaa sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hoogganaa waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Finfinnee ta'uun muudaman
Fulbaana 19/2019 (ENA) Dr. Jamiiluu Janbar Baqqalaa sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hoogganaa waajjira damee Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee ta'uun muudaman ibsameera.
Dr. Jamiiluu Janbar Baqqalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti bara 2016 irraa eegalee hanga ammaatti sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti Gaafamaa Biiroo Pabliikii sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa, Itti aanaa itti gaafamaa biiroo Geejjibaa, Komiishinara Komiishinii Qindeessaa hirmaannaa uummataa fi qindeessa tajaajila lammummaa, Hoogganaa Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii, Hogganaa Biiroo carraa hojii Uumuu Hojii fi Intarpirayizii, akkasumas Itti Aanaa Hogganaa Abbaa Taayitaa Hayyamaa fi To’annoo Konkolaachisaa fi Konkolaataa ta'uun tajaajiluu isaanii Waajjirri Kantiibaa beeksiseera.