Dijitaal teeknooloojiitti gargaaramuun damee turizimii caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Dijitaal teeknooloojiitti gargaaramuun damee turizimii caalaatti guddisuuf hojjetamaa jira
Fulbaana 19/2019(ENA)- Dijitaal teeknooloojii fi hubannoo nam-tolcheetti gargaaramuun damee turizimii caalaatti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ministirri turizimii Salaamaawiit Kaasaa ibsan.
Ministirittiin kana kan ibsan damee turizimii kalaqa dijitaalaa fi hubannoo nam-tolcheen(AI) guddisuurratti kan xiyyeeffate sagantaan torban turizimii Oromiyaa mata duree “Kalaqni dijitaalaa turizimii hammataaf” jedhuun Finfinneetti jalqabamerratti.
Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa hubannoon nam-tolchee (AI) bakkeewwan turizimii kan ittiin beeksifaman, bakka imalli itti karoorfamu, biizinasiiwwan turizimii bakka itti socho’anii fi muuxannoo daawwattoonni argatan jijjiiraa dhufuusaa ibsaniiru.
Cehumsi dijitaalaa banaa, hammataa fi kan namarratti xiyyeeffate ta’uu akka qabu eeranii, faayidaaleen dijitaalaa bakkeewwan turizimii muraasaa fi waltajjiiwwan dijitaalaa qofaarratti akka hin daangofne hubachiisaniiru.
Dameen imaammata turizimii Itiyoophiyaa dijitaal teknooloojii fi hubannoo nam-tolcheen fooyyessuuf kallattiin qabamuusaa ibsanii, marsariitiin turizimii biyyaalessaa Itiyoophiyaa daawwattootaaf odeeffannoo kennuurra darbee daawwachiiftota, Hoteelotaa fi kanneen damee kanarratti hojjetan biroo waliin walitti fiduuf tajaajilaa akka jiru eeraniiru.
በዝግጅቱ Teeknooloojiin hubannoo nam-tolchee kan itti qindaa’e marsariitii tirizimii Oromiyaa fi waltajjiiwwan dijitaal turizimii biroon ifoomaniiru.
Waltajjiiwwan kunneen bakkeewwan turizimii fi qabeenya uumamaa naannichaa beeksisuu fi daawwattoonni bakka dhaqan akka sonan gargaaruuf kan akeekamanidha.
Komishinariin komishinii turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa gamasaaniin, turban turizimii kun kanneen biyya allaa fi biyya keessatti turizimiirratti hojjetan kan walitti fidu waltajjii kan wagga ta’ee guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.
Torban turizimii baranaarratti kanneen tirizimii irratti hojjetan biyyoota 22 irraa hirmaachuusaanii eeranii, waltajjichi ogeeyyota turizimii, daawwachiiftota, deeggartootaa fi dame dhuunfaa walitti fiduudhaan carraalee turizimii fi invastimantii uumuuf deggarsa gochaa akka jiru dubbataniiru.
Torban turizimii guyyoota sadiif ture kun marii paanaalii hubannoo nam-tolchee fi turizimii hammataarratti xiyyeeffate dabalatee sagantaalee garagaraa kan of keessaa qabu yoo ta’u, teeknooloojiif furmaata kan dhiheessanii fi qaamoleen qooda fudhattootaa damee turizimii hirmaachaa jiru.