Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu'uuraa galmeessisaa jiru- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu'uuraa galmeessisaa jiru- Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Fulbaana 19/2019 (ENA) Kallattiiwwan misoomaa Itoophiyaa guddina biyyaa ijaaruu keessatti milkaa'ina bu’uuraa galmeessaa jiraachuu Itti Aanaan ministira Muummee obbo Tamesgeen Xurunaa ibsan.
Fooramiin Faayinaansii Itoophiyaa 2026 lammaaffaan Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira.
Itti Aanaan Minisira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita sana akka jedhanitti, seenaan Itoophiyaa yeroo hunda rakkoolee obsaanii fi injifannoon darbuun ijaaruu ta'uu isaa yaadachiisaniiru.
Yeroo ammataas Itoophiyaan damee dinagdeetiin boqonnaa guddaa irra akka jirtu ibsaniiru.
Riifoormiiwwan waggoottan darbanitti taasifaman sirna gabaa jijjiirraa sharafa alaa fooyyessuu fi dhiheessii dabaluu, qaala’insi hir'achaa dhufuu, gurgurtaan alaa fi galii mootummaa dabaluu, gufuuwwan invesitmantii dhuunfaa furamuu, ammayyummaa imaammata maallaqaa, fooyya'insa faayinaansii fi seera damee faayinaansii cimsuun bu'aawwan qabatamaa galmeessisuu addeessaniiru.
Milkaa'innooni fooyya'insa dinagdee kunniin biyyattii gara ce’umsa dinagdee guddaatti gaggeessaa akka jiranis dubbataniiru.
Safartuun sirrii jijjiirama dinagdee gabaasa waraqaa irra kaa'amu qofa osoo hin ta’iin, bu'aawwan qabatamaa lafa irraatti mul'atan ta'uu Itti Aanaan ministira Muummee hubachiisaniiru.
Qonnaan bultoonni Omisha fi omishtummaa dabaluuf, faayinaansii argachuu kan danda'an, dargaggoonni dhaabbata hundessuuf tattaafatan,dubartoonni liqaa argatanii daldala isaani dhaweesummaan invesitmantii yeroo dheeraa kan taasisan abbootii qabeenyaa jiraachuun isaanii safartuu dhugaa jijjiiramaati jedhaniiru.
Kallattiin dinagdee Itoophiyaa taateewwan yeroo tokkoo qofaan kan ijaarame osoo hin ta'in; dhaabbileen, seerota, gabaan, bu'uuraalee misoomaa, dandeettii namootaanii fi adeemsa jijjiirama cimaa siyaasa guyyaa guyyaa irra caalu irratti kan hundaa'e ta'uu addeessaniiru.
Kanafis mootummaan guddina, ariitii jijjiiramaa fi naamusa diinagdee gooroon eeguu, balaawwan dursuun tilmaamuun haala sirnaan bulchuu irratti kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Hammatamuummaan tarsiimoo dinagdee guddaa ta'ee; dubartoonni, dargaggoonni, qonnaan bultoonnii fi dhaabbileen daldalaa xixiqqaan fayyadamtoota guddina kanaa ta'uu akka qaban ibsaniiru.
Kunis mootummaan seerota yeroo qopheessu, to'attoonni kalaqa osoo hin daangessin tasgabbii dinagdee yeroo mirkaneessan, baankonni faayinaansii yeroo dhiheessanii fi abbootiin qabeenyaa obsa argarsiisuun kutannoo yeroo dheeraa yeroo agarsiisan jijjiirama dhugaatuu milkaa'a jedhaniiru.