Imala Gargaaramtummaa Irraa Gara Of Danda’uutti Taasifamaa Jiru. - ENA Afaan Oromoo
Imala Gargaaramtummaa Irraa Gara Of Danda’uutti Taasifamaa Jiru.
Imalli gargaaramtummaa irraa gara of danda’uutti taasifamaa jiru dinagdee fi jireenya hawaasa biyya keenyaa keessatti jijjiirama bu'uuraa fidaa jira. Hojiiwwan gama kanaan karoorfamanii hojjetamaa jiran humna keessoo fayyadamuu fi sharafa alaa qusachuu irratti kan xiyyeeffataniidha.
Bu’aawwan gurguddoon dameewwan kanniin irratti argaman gabaabsinee mee haa ilaallu.
Imala of danda’uu keessatti bu’aawwan galmeessifaman keessaa tokko kan ta’e Buusaa Gonofaadha. Buusaa Gonofaan Aadaa Wal-gargaarsa Oromoo yeroo ammaa caasaan gurmeessuun mootummaan akka ummanni waliif gaacha ta’u Caffeen raggaasisee hojiirra oolcheen bu’aan qabatamaan argameera.
Buusaa Gonofaan Gargaarsa Alaa Hambisuun, Hawaasni balaa uumamaa fi namtolchee ofii akka of gargaaru taasifameera.
Qabeenya hawaasa keessaa walitti qabuun namoota horiin jalaa dhume, lafti jalaa goge yookiin balaan irra ga'e deebisanii dhaabuu fi akka of danda'an gochuu dandeessiseera.
Kana qofa miti Buusaa Gonofaan barattootaaf manneen barnootaa keessatti nyaata dhiyeessuun harcaatiin barattootaa akka hir’atu taasifameera.
Imala of danda’uu biyya keenyaa kan dhugoomsaa jiru keessaa tokko immoo Omiisha Qamadii Boneeti. Dur lafti waggaatti yeroo tokko qofa qotamu ture wayita ammaa garuu yeroo lamaa fi sanaan ol qotuun omishtummaa dabaluun imala of danda’uu dhugoomsaa jira.
Omishni Qamadii Bonee jallisiin misoomaa jiru biyya keenya kadhaa warra adii jalaa baasuun dabalatatti biyyi keenya humna qabdutti yoo fayyadamte biyyoota birooyyuu gargaaruu akka dandeessu kan agarsiisedha.
Osoo inisheetiviin qamadii jallisiin omishamuu hin jalqabiin dura biyyi keenya doolaara hedduu baastee qamadii biyyatti galchiti turte.Haa ta’u malee yeroo ammaa qamadiin jallisiin omishamu shara biyya keenyaaf hambisuun dabalatatti, biyya biyyaa illee haala gaariin jijjiireera. Itoophiyaan kanaan dura kadhaa qabadii fi harka qalleeyyiin beekamtu yeroo ammaa fakkeenya biyya saffisaan guddachaa jiranii taateetti.
Imala of danda’uu keessaa kan biraan inisheetiviiwwan Misooma Loon Aannanii, Foonii fi Lukkuu eeruun ni danda’ama. Gama kanaanis biyyi keenya bu’aa olaanaa galmeessisaa jirti.
Loon Aannanii fi Foonii: Sanyii loon aannanii fi foonii fooyya’oo fayyadamuu, kunuunsa saayinsawaa fi nyaata loonii teeknoolojiidhaan deggarameen omiisha aannanii fi foonii dachaan dabaluun danda’ameera. Kunis lammiilee hedduuf Carraa hojii hedduu uumuun harka namaa ilaaluu irraa bilisa taasiseera.
Imala of danda’uu Itoophiyaa kanneen dhugoomsaa jiran keessaa tokko kan ta’e Damee industiriidha.
Damee Industirii fi Omiisha Keessoo irrattis bu’aan olaanaan galmaa’eera.
Insheetivii Itiyoophiyaan Haa Omishtu jedhu qabachuun sochiin taasifamaa jiru meeshaaleen hedduun akka omishaman taasiseera.
Biyyi keenya Itoophiyaan, dameewwan hedduudhaan hirkattummaa gargaarsaa fi sharafa alaa irraa bilisa ba'aa, humnaa fi qabeenya keessoo isheetiin of danda'uuf imala saffisaa keessa jirti.