Tamsaasa Kallatti:

Uummata waliin ta’uun naannoo Oromiyaa keessatti nageenya waaraa mirkaneessuuf kutannoon ni hojjetama – Hogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa

Fulbaana 19/2019 (ENA):- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii duraa waggaa 1ffaa bara hojii  7ffaa kaleessa gaggeesseen, muudama miseensota Mana Maree Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Labsii Gurmaa’insa haaraa bu’uura godhachuun dhiyaate raggaasiseera.

Haaluma kanaan, hooggantoota haaraa muudaman keessaa Obbo Tijaanii Naasir Hoogganaa Biiroo Nagaa Oromiyaa ta’uun muudamaniiru.

Obbo Tijaanii Naasir ENA waliin turtii taasisaniin, naannoo Oromiyaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf uummata waliin ta’uun xiyyeeffannoon akka hojjetan ibsaniiru.

Uummanni rakkoo fi dhiibbaa hedduu keessa darbuun filannoo irraatti sagalee kennuun Mootummaa isaaf ta'u filachuu isaa eeruun, isaanis uummata tajaajiluuf qophii ta’uu dubbataniiru.

“Amanamummaa uummanni natti kenne galmaan ga’uuf, akkasumas hojii fuulduraa itti gaafatamummaa guddaan hojjechuuf qophiidha,” jechuun ibsaniiru.

Hojiin nageenyaa hojii nama tokkoo qofa osoo hin taane, hojii  nama hundaa  akka ta’e kan himan Obbo Tijaaniin, nageenyi bu’uura misoomaa fi jireenya hawaasaa waan ta’eef, hirmaannaa uummataa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Naannicha keessatti hojiiwwan misoomaa jalqabaman akka itti fufaniifi bu’a qabeessa akka ta’aniif, nageenya waaraa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsanii, kanaafis hirmaannaa uummataa hojii nageenyaa keessatti daran cimsuuf akka hojjetamuus himaniiru.

Naannicha keessatti nageenya waaraa buusuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran caalmaatti cimsuun akka itti fufan himan.

Obbo Tijaanii Naasir, muuxannoo hojii kanaan dura Godina Jimmaa keessatti argatan fayyadamuun, naannoo Oromiyaa keessattis nageenya waaraa mirkaneessuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, uummanni, qaamoleen mootummaa fi hawaasni hundi gahee isaanii bahachuun waliin hojjechuu akka barbaachiisuu hubachiisaniiru.

Warra nageenya booreessan irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu fi seera kabachiisuu cime akka itti fufu himan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015