Irreecha Irreeffachuuf kan wal dhabe araaramuun dirqamadha- Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Irreecha Irreeffachuuf kan wal dhabe araaramuun dirqamadha- Hayyoota
Fulbaana 19/2019(ENA): Akka aadaa, duudhaa fi sirna Gadaatti Irreechi garaa qulqulluun Uumaa qulqulluu dura dhaabbachuun isa galateeffachuu ykn kadhachuudha.
Irreecha malkaa fi tulluu irratti Waaqayyo uumaa waan hundumaa galateeffachuuf dura immoo, kan wal dhabe araaraa buusuun isa guddaa fi ulaagaa hin hafne akka ta’e Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti hayyoonni damee kanaa turtii ENA Afaan Oromoo waliin taasisaniin ibsaniiru.
Ayyaanni kun mallattoo nagaa, tokkummaa, jaalalaa, haaromsaa fi araaraa akka ta’e kan ibsan Obbo Girmaa Namarraa Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti Qorataa Seenaati.
Namni irreecha deemu dursa ulaagaan inni guutuu qabu nama waldhabe waliin araaramuu akka ta’e ibsaniiru. Namni araaramuu qabu miidhamees haa ta’u ofii miidhee araara gaafachuun erga araara buuseen irreeffata jedhan.
Yaada ofiitti aaloo qabatanii irreecha deemuun dhorkaa akka ta’e kan eeran obbo Girmaan,akkaataan itti araaramanis adeemsa akka qabuu fi eenyutu akka araarsus dubbataniiru.
Kunis namni waldhabe ani abaluu waliin wal dhabeera jedhee Abbootii Gadaatti eeruu dhiyeeffata jedhan. Sana booda Abbootiin Gadaa dhimma sana ilaaluun jara wal dhabe walitti araarsu.
Aadaa Oromoo keessatti "Yaada ofiitti waan hamaa qabatanii irreecha hin dhaqan" jedhama. Fuula Waaqaa dura dhaabbachuun dura, qulqullina sammuu, yaadaa fi hafuuraa qabaachuun dirqama akka ta’e kan eeran immoo obbo Maammoo Sobbooksaa Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromootti Qorataa Aartii Oromooti. Oromoon gaafa irreecha deemus yaadaan qulqullaa’ee, uffata qulqulluu uffatee Uumaa isaa fuldura dhaabbata jedhan.
Waggaa waggaan kan isa geessiseefis waliin jaalalaa fi tokkummaan weeddisaa,Uumaa Galateeffachaa gara irreechaa deema jedhan.
Oromoon eelee fi sumsumniyyuu walitti bu’aa jedha; gama biraatiin immoo arrabnii fi ilkaaniyyuu walitti buuti jedhama. Kunis kan inni agarsiisu waliin jireenya keessatti wal dhabdeen akka ajaa’ibaatti kan ilaalamu osoo hin taanee taatee hin hafne ta’uu isaati. Taatee hin oolle ykn hin hafne kana immoo yoo mudate araaramuun barbaachisaa fi dirqama akka ta’edha kan sirni Gadaa ajaju. Kanaaf namni beekaas haa ta’u osoo hin beekiin nama miidhees haa ta’u miidhame, gaafa irreechaa araaramuun dirqma akka ta’e dubbatan obbo Maammoo Sobbooksaan.
Aadaa Oromoo keessatti araarri karaa lamaan waan ilaalamuuf, namni miidhe qofa osoo hin taane, namni miidhames dursa araaramuu fi garaa qulqulleeffachuun dirqama akka ta’e Maanguddoonni Oromoo ni himu.
Aadaa Oromoo keessatti hawaasni yoo walitti araarame qofa nagaa argata jedhamee waan amanamuuf araarri bu’uura waan hundumaati jedhama. Yoo araarri jiraate nagaan jiraata,yoo araarri jiraate nageenyi jira,yoo nageenyi jiraate badhaadhinni jira waan ta’eef.
Irreecha deemuun dura araara buusuun barbaachisaa waan ta’eef kan wal dhabe akka araaramu dhaamsa isaanii dabarsaniiru hayyoonni kunniin.