Keessummoota ayyaana Irreechaa Bishooftuutti sadarkaa olaanaatti simachuuf qophiin taasifameera - ENA Afaan Oromoo
Keessummoota ayyaana Irreechaa Bishooftuutti sadarkaa olaanaatti simachuuf qophiin taasifameera
Fulbaana 19/2019 (ENA)- Keessummoota ayyaana Irreechaa Bishooftuutti sadarkaa olaanaatti simachuuf qophiin taasifamuu kantiibaan magaalichaa obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan.
Haroowwan uumamaa torba, gaarrewwan hawataa ta’anii fi qilleensa mijataan kan beekamtu Bishooftuun, ganni darbee Fulbaanni yoo seenu yoomiyyuu caalaa miidhagdi.
Keessumaa ayyaanonni Inquxaaxashii, Masqalaa fi irreechi yeroo dhufan hawattoonni uumamaa fi nam-tolchee magaalattii namaa fi sirna aadaa caalaa miidhagu.
Kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa ENA’F yaada kennaniin, wiirtuun Bakka Irreechi itti kabajamu naannawa hora Harsadeetti ijaarame “Qe’ee Harsadee” jedhuun moggaafame ummanni uffannaa aadaa fi nyaata bakka tokkotti akka argatu gochuusaa ibsuun hojiin hojjetame bu’aa quubsaa argamsiisuusaa dubbataniiru.
Keessummaan ayyaana Irreechaaf, daawwannaafis ta’e bashannanaaf gara Bishooftuu dhufu uffannaa aadaa, nyaata aadaa fi hojiiwwan aartii garagaraa ‘Qe’ee Harsadee” keesatti wiirtuu tokkotti argachuu akka danda’u ibsaniiru.
Misoomni qarqara haroo misooma kooriidaraa Bishooftuun wal simee hojjetame, hirmaattonni ayyaana irreechaa muddama tokko malee haala mijataa ta’een bashannananii uumaasaanii kan itti galateeffatan ta’ee ijaaramuusaa kantiibichi ibsaniiru.
Galmi Hora Harsadee irreechaaf yaadamee hojjetamee fi namoota kuma 2 fi500 caalaa keessummeessu guutummaatti xumuramuu ibsaniiru.
Fiigichi irreechaa guddichi namoota kuma 50 hirmaachisuun Fulbaana 21 bara 2019 gggeeffamuuf daandiin fiigichaa qophaa’uusaa obbo Alamaayyoon ibsaniiru.
Ayyaanni irreechaa baranaa mata duree “Irreechi waliigaltee biyyaalessaaf” jedhuun Fulbaana 23 hora Finfinneetti Fulbaana 24 bara 2019 ammoo hora harsadeetti akka kabajamu gamtaan abbootii Gadaa Oromoo ibsuunsaa ni beekama.