Tamsaasa Kallatti:

Ayyaanni Irreechaa ayyaana tokkummaa, nageenyaa, araaraa fi waloomaati - Obbo Hayiluu Addunyaa

Fulbaana 19/2019 (ENA) – Ayyaanni Irreechaa ayyaana tokkummaa, nageenyaa, araaraa fi waloomaa sirna Gadaa keessaa madde jedhan Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa, Obbo Hayiluu Addunyaa.



Mariin Gumii Balal marsaa 51ffaan, Ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee fi Hora Harsadii Fulbaana 23 fi 24/2019 kabajamu sababeeffachuun, mata duree “Irreecha Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Obbo Hayiluun sagantaa kanarrattii akka dubbatnitti, Ayyaanni Irreechaa ayyaana tokkummaa, nageenyaa, araaraa fi waloomaa sirna Gadaa keessaa madde isa tokkodha jedhaniiru.

Ayyaanichi waltajjii guddaa waloominni ittiin miidhagee mul’atu ta’uus ibsaniiru.

Irreechi madda araaraa fi nageenyaa waan ta’eef, waliigaltee biyyaalessaa cimsuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.


Sirni kabaja Irreechaa bara kanaa, yeroo olka’iinsa biyyaaf labsinee injifannoo olaanaatti ce’aa jirrutti ayyaana guddaa kabajamu ta’uu isaatiin, miiraa fi hiika olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf, bara kanaas yeroo Ayyaana Irreechaa kabajnu, karaa duudhaa isaa eeggateen waliigaltee biyyaalessaa caalaatti cimsuuf karaa danda’amuun kabajuu qabna jedhaniiru.

Gumii Balal marsaa 51ffaa kanaanis, hayyoonni maalummaa, seera, sirnaa fi safuu Irreechaa, waliigaltee biyyaalessaa ijaaruu fi olka’iinsa Itoophiyaa fuulduratti tarkaanfachiisuu keessatti ga’ee qabu irratti beekumsaa fi hubannoo isaanii akka gumaachan waamicha dhiyeessaniiru.

Waltajjii Gumii Balal kanarratti hooggantoonni, Abbootiin Gadaa fi hayyoonni dhaabbilee garaagaraa irraa hirmaachaa jiru.

Waraqaan qorannoo duudhaa ayyaana Irreechaa irratti xiyyeeffatan dhihaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015