Misooma Bunaa: Agarsiiftu Milkaa’ina innisheetivi Qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Misooma Bunaa: Agarsiiftu Milkaa’ina innisheetivi Qonnaa
Mootummaan xiyyeeffannoo damee qonnaatiif kennamaa ture haaromsuun inisheetivoota walduraa duubaan jalqabeen milkaa’inoota heddu argamsiisaa jira.
Bu’uuruma kanaan, inisheetivoota baay’ina, gosaa fi qulqullina omishaalee al-ergii dabalan labsuun hojiitti erga galee as, gama tokkoon fayyadamummaan qonnaan bulaa, gama biraatiin sharafni alaa argamu dabalaa jira.
Inisheetivoota kanneen keessaa misoomni bunaa, avokaadoo, baala shayii fi muuzii imala milkaa'inaa irratti argamu.
Inisheetiviin misooma bunaa bara 2011 erga labsamee as, baay’inaa fi qulqullina omisha buna argamu irratti jijjiiramni guddaan dhufeera.
Sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuun bunaa dhaabaman lakkoofsaan dabalaa kan jiranii fi qulqullina irrattis jijjiiramni guddaan galmaa’aa jira.Buna sanyii fooya’aa qonnaan bulaaf dhiheessuun omishtummaa qonnaan bulaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Dabalataan avookado akka fakkenyaatti yoo ilaalle Bara kana biqiltuu avokaadoo sanyii filatamaa mil. 17 dhaabbiif qophaa'e keessaa hanga guyyaa har'aatti biqiltuu mil. 7 ol dhaabuun danda'ameera.
Bara 2017/2018 darbetti sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun Bosonaa biliyoona 4.95 dhaabuuf karoorfamee biliyoona 4.8 dhaabuun danda’ameera. Misooma Bunaa milkeessuufis biqiltuu Bunaa biliyoona 2.5 ol dhaabuuf karoorfamee biliyoonni 2.5 dhaabamuu danda’eera.
Kana malees, tarkaanfii haaraan kan hojiin isaa eegalame misoomni Baala Shayee miliyoona miliyoonni 22 ol dhaabameera. Biqiltuu Muduraalee garaagaraa miliyoona 483 dhaabuuf karoorfamee miliyoona 433 ol dhaabuun danda’ameera.
Inisheetivoonni kunneen, gabaa biyya keessaa tasgabbeessuu qofa osoo hin taane, qonnaan bultoota gabaa idil-addunyaatiif dhiyeessanii fi dinagdee biyyaa irratti dadammaqiinsa gaarii umuu irratti argamu. Walumaagalatti, omishti qonnaa keenya gabaa idil-addunyaa giddugaleessa taasisuun kan misoomu ta’a.
Milkaa’inni Daldala Al-ergii Bunaan galmaa’e
Inisheetiivota dhiheessii oomishaalee sharafa alaa argamsiisan dabaluuf hojjetamaa jiru keessaa inisheetiiviin Bunaa isa ijoo dha. Dinagdee biyyaa guddisuu keessatti shoora olaanaa qaba.
Misooma Bunaa baay’inaa fi qulqulinaan oomishuun gabaa Addunyaatti dorgomaa ta’uun dinagdee naannoo fi biyyaa akka utubuuf xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jiruunis bu'aa gaariin argamaa jira
Itoophiyaan Addunyaarratti biyya 3ffaa buna alatti ergituu ta’uu ishee Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama.
Xiyyeeffannaan misooma bunaatiif kennameen Itiyoophiyaan addunyaarratti biyya sadaffaa buna alatti ergituu akka taatu ishee dandeessisuu ibsuun, hojiin riifoormii biyyaalessaa milkaa'ina sharafa alaa argachuu keessatti gumaacha olaanaa taassiseera.
Kanaanis bara 2018 kana Al-ergii meeshaaleerraa Itiyoophiyaan doolaara biiliyoona 11 ol kan argatte yoo ta’u, Al-ergii bunaa qofaa irraa bara 2018 kanatti doolaarri biiliyoona 3.1 argameera.
Milkaa'ina gama uwwisaa fi omisha Inisheetivii Bunaatiin argame qulqullina eeguun fayyadamummaa qonnaan bultootaa daran guddisuu akkasumas cehumsa dinagdee hundagaleessa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.