Duudhaa ganamaa bakkatti deebisuun dhaloonni ofirra darbee biyyaaf yaadu ijaaramaa jira- Obbo Hayiluu Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Duudhaa ganamaa bakkatti deebisuun dhaloonni ofirra darbee biyyaaf yaadu ijaaramaa jira- Obbo Hayiluu Addunyaa
Fulbaana 19/2019(ENA) :Waltajjiin Gumii Balal marsaa 51ffaa mata duree “Irreecha Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun geggeeffamaa jira.
Waltajjii kanarratti argamuun haasawaa kan taasisan Hoogganaan Tajjaajila kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Oromoon madaala uumaafi uumama falaasama sirna Gadaatiin akka qajeelfamu kaasuun, Gadaa jalatti dhahaan dhuka yeroo lakkaa’ee kaleessa, har’aafi egeree herreeguun bulmaata tolfatee jiruufi jireenya akka qajeelfatu himaniiru.
Yeroon kennaa uumaa ta’uu hubachuunis bara maree dhufee maree darbu xiinxalee irraa gora hooddachuun Waaqa bara haaraa waakkii malee nama badhaasu Malkaatti waloon Irreeffatee isa darbeef galateeffachaa kan dhufuuf akka kadhatu dubbataniiru.
Irreechi Malkaatti irreeffatamu kun hundaaf banaadha kan jedhan Obbo Hayiluun bifaafi amantaan, afaaniifi eenyummaan hin loogu, hammannaafi simannaan kan ijaarame waltajjii Addunyaawaa ta’uu ibsuun, Oromoon Uumaan hunda uumee bulchiinsa ilma namaaf akka kennes kan amanamu ta’uuf ayyaana ayyaantummaan qabuun qajeelfamee deemsa madaala uumamaafi bulchiinsa biyyaafis seera tumee, seera lallabee, muuda muudee kan wal aangomsu ta'uu eeraniiru.
Hunduu seera kanaaf abboomamee bula; wal dhaga’ee ittiin bobba’ees gala. Akkasiin dhalootni kabaja uumaafi jaalala biyyaa qabu ijaaramaa dhufuu himuun, yeroo ammaas duudhaa ganamaa kana bakka isaaf malutti deebisuun dhaloota ofiirra darbee biyyaaf yaadu ijaaramaa akka jiru dubbataniiru.
Dhalootni kunis seeraafi sirna akkasumas safuu ganamaan masakamuun biyyaafi biyyoo tikfachuun ga’ee isaa akka ta’e hubachuun dirqama isaa ba’uu irratti argama. Barri maree dhufee darbus icciitii irreeffannaan wayyooma jedhaniiru.
Uummatni keenyas wayyooma kana gabbifachuun icciitii gadi fagoo kanas hubachaa dhufuu isaatiin Irreechi Irreen Oromoo ardaa jilaa waliigaltee biyyaalessaa dhugoomsu imala jijjiiramaa milkeessu taasisuu kan danda’e ta’uu eeruun, Mootummaan keenyas duudhaa ganamaatti deebi’uun yaadama Ida’amuu beekumsa mandhaleen masakee Itoophiyaa hunda fakkaattuufi hundaaf taatu ijaaraa, kuufama qormaataa qolachuun biyya waloo bu’ureessaa jiraachuu ibsaniiru.
Ida’amuu bu’uurri isaa Gadaa ta’e kanaanis, sirna qeenxee maksuun dhugaa Sabootaa, Sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa dabe qajeelchuun waliigalteen biyyaalessaa uumamaa jira. Kunis dhugaa waloo keenya Siidaa jabaa fi bu’uura amansiisaa irratti dhaabaa Olka’iinsa Itoophiyaaf utubaa ta’uu danda’aa jiraachuu dubbataniiru.
Sirni kabaja Irreechaa bara kanaa wayiita olka’iinsa biyyaa labsinee injifannoo olaanaatti ce’aa jirutti ayyaana guddaa kabajamu ta’uu isaatiin miiraafi hiikoo olaanaa kan qabu ta’uu kaasaniiru. Waan ta’eefis uummatni keenya dhugaasaa qabatee, duudhaa isaa dhugeeffachaafi saboota waliinis hariiroo obbolummaa cimsachaa imala gara olka’iinsaatti eegalameef utubaa ta’uun murteessaa akka ta’e Obbo Hayiluun ibsaniiru.
Gumii Balal marsaa 51ffaa kanaanis haayyootni maalummaa, seera, sirnaafi safuun Irreechaa waliigaltee biyyaalessaa ijaaruufi Olka’iinsa Itoophiyaa fuula duratti tarkaanfachiisuu keessatti ga’ee qabu irratti beekumsaafi hubannoo isaanii akka gumaachan dhaamaniiru.
Waltajjii Gumii Balal kanarratti Hooggantoonni, Abbootiin Gadaafi Hayyoonni dhaabbilee garaa garaa irraa hirmaachaa jiru.