Hariiroo Cimaan Itiyoophiyaa fi Hindii Gidduu Jiru Waliin Hojjechuuf Faayidaa Guddaa Qaba – Obbo Mahaammad Idiriis - ENA Afaan Oromoo
Hariiroo Cimaan Itiyoophiyaa fi Hindii Gidduu Jiru Waliin Hojjechuuf Faayidaa Guddaa Qaba – Obbo Mahaammad Idiriis
Fulbaana 19/ 2019 (ENA) – Hariiroon cimaan Itiyoophiyaa fi Hindii gidduu jiru waliin hojjechuuf faayidaa guddaa kan qabu ta’uu Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idriis ibsan.
Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idiriis, Ayyaana Masqalaa kabajuuf kan dhufan Paatiriyaarkii Mana amantaa Ortodoksii Maalaankaaraa Hindii, Qulqulluu Abuna Baasiliyoos Maartoommaa Maatewoos 3ffaa waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.
Ministirichi wayita sana akka jedhanitti, ummatootaa fi manneen kiristaanaa biyyoota lamaan gidduu hariiroo cimaa waggoota dheeraa lakkoofsise fi waliin jireenya nagaa cimsaa ture jira.
Hariiroo cimaan addunyaaf fakkeenya ta’e kunis waliin hojjechuuf faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Qulqulluu Abuna Baasiliyoos Maartoommaa Maatewoos 3ffaan gama isaaniin, Itiyoophiyaa seenaa qabeettii kitaabota qulqulluu keessatti irra deddeebiin eeramte daawwachuu isaaniitti gammachuun fi kabajji guddaan akka itti dhaga’ame ibsaniiru.
Hariiroon Manneen amantaa Ortodoksii obboleettiiwwan Hindii fi Itiyoophiyaa gidduu jiru yeroo dheeraa kan lakkoofsise ta’uu yaadachiisaniiru.
Hariiroon kunis manneen amantaa kiristaanaa lamaan, akkasumas biyyoota lamaan gidduu abdii egeree jiru kan mirkaneessu ta’uu dubbachuu isaanii odeeffannoon Ministeera Nagaa irraa argame ni mul’isa.