Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa fi guddina waloof kutannoon hojjechuu itti fufti - Obbo Ahimad Shidee

Fulbaana 18, 2019 (ENA)- Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa fi guddina waloof kutannoon ni hojjetti jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen.

Walga’iin Ministirootaa Faayinaansii Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa Keeniyaatti gaggeeffamaa jira.

Obbo Ahimad Shideen ergaa Viidiyoo Konfiransiin dabarsaniin, Itoophiyaan pirojektoota naannawicha bu’uuraalee misoomaan walitti hidhan ijaaraa jiraachuu ibsaniiru.

Akka fakkeenyaattis pirojektii dabarsa boba’aa Itiyoo-Jibuutii dhiyeenya jalqabame kaasanii, nageenya inarjii naannawichaa akka cimsuufi baasiiwwan loojistiksii akka hir’isu eeraniiru.

Itoophiyaan dura teessuu Neetwoorkii daddabarsa Anniisaa Baha Afrikaa ta’uu ibsuun, karaa Hidha Guddicha Haaromsaan dhiyeessii anniisaa qulqulluu naannawichaa irratti qooda olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Itoophiyaan murtoowwan walga’ii Ministirootaa Daldalaa Afrikaa Bahaa torban tokko dura Finfinneetti gaggeeffame irratti darban akka deeggartus ibsaniiru.

Afrikaan Bahaa dhiibbaa rakkoolee jijjiirama qabeenya qilleensaa keessa seenaa jiraachuu eeruun, dandeettii jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu cimsuun barbaachisaa ta’uus hubachiisaniiru.

Akka obbo Ahimad Shidee jedhanitti, Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa fi guddina waloof kutannoon hojjechuu caalmatti kan itti fuftu ta’a.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015