Pirojektiin Damarjoog–Dawwallee sarara boba’aa dabarsu walitti makamiinsa dinagdee naannoo ni saffisiisa - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin Damarjoog–Dawwallee sarara boba’aa dabarsu walitti makamiinsa dinagdee naannoo ni saffisiisa
Fulbaana 18/2019 (ENA)- Pirojektiin Damarjoog–Dawwallee sarara boba’aa dabarsu kan Itiyoophiyaa fi Jibutii jidduutti ijaaramu michoomaa fi tumsa dinagdee biyyoota lamaanii bara dheeraaf ture caalaatti kan dagaagsuu fi karoora bu’ura misoomaa Afriikaa bahaa kan daangaa cehu dhugoomsuuf dandeettii akka qabu hayyoonni dinagdee ibsan.
Pirojektichi boba’aa geejjabsiisuuf yeroo Kanaan dura fudhatu hir’isuun saffisa lojistiksii kan si’achiisu ta’uu ibsaniiru.
Pirojektiin kun tumsa Itiyoophiyaa invastimant holdingis (EIH) fi garee Daangootee jidduutti taasifameen kan hojjetamu yoo ta’u, omishaalee boba’aa calalame kuubiik meetirii miiliyoona tokko caalu kuusuu fi dabarsuu danda’a.
Pirojektichi ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, pirezidaantiin Jibutii Ismaa’eel Omaar Giilee fi pirezdaantiin garee Daangootee Aliikoo Daangootee bakka argamanitti ifoomeera.
Pirojektiin sarara omishaalee boba’aa dabarsu km. 120 dheeratu kan Jibutii Damarjoog fi Itiyoophiyaa Dawwallee jidduutti diriirfamu kun dhiheessii boba’aa si’achiisuun baasii kan hir’isu ta’uu hayyoonni ibsaniiru.
Yunivarsiitii Hawaasaatti diiniin kolleejii biizinasii fi ikonomiksii gargaaraa piroofeesaraa ikonomiksii Dr. Waganee Maarqoos ENA’f akka ibsanitti,Itiyoophiyaan biyyoota olla waliin humna elektiriikii fi bu’uraalee misoomaatiin tumsa qabdi.
Tumsi bu’uraalee misoomaa kun faayidaan dinagdeef qaban olaanaa ta’uu eeranii, pirojektiin ijaarsa sarara omishaalee boba’aa dabarsuu dhiibbaa geejjibaa salphisuun dinagdee biyyaalessaa kan dadammaqsudha.
Pirojektichi tumsa mootummaa fi dhuunfaan kan hojjetamu waan ta’eef biyyoota naannichaaf fakkeenya tumsaan hojjechuu kan ta’uu fi baasii sharafa alaa hambisuu kan danda’u tarkaanfii tarsiimawaa ta’uu dubbataniiru.
Hayyuun dinagdee Darajjee Dajanee akka jedhanitti, pirojektichi naannichatti wabii inarjii fulla’insaan mirkaneessuu fi hammattoowwan tumsaa cimsuuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru.
Boba’aa geejjibsiisuuf yeroo fudhatu hir’isuun saffisa lojistiksii kan ariifachiisu ta’uu ibsaniiru.
Pirojektichii Itiyoophiyaan siyaasa qofaan osoo hin ta’iin dinagdeenis naannichatti dhiibbaa uumtummaashee kan guddisuu fi biyyoota Afriikaafis tarkaanfii tarsiimawaa ta’uu hayyoonni dubbataniiru.