Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti Godiinaalee kanan dura 21 turan Godiinaalee ja’aan caaseffamuun himame.

Fulbaana 18/2019 (ENA) Naannoo Oromiyaatti Godiinaaleen kanan dura 21 turan Godiinaalee ja’aan caaseffamuun ibsameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa murtiiwwan gurgguddoo fayyadamummaa uummataa keenyaa mirkaneessan murteesseera.

Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa duraa Waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa gaggeessaa jiruun wixinee labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi'uun gurmaa'ee dhiyatee raggaasiseera.

Haaluma Kanaan hoogganaa Biiroo Abbaa Alangaa Oromiyaa Obbo Guyyoo Waariyoo ibsa kennaniin caffeen Oromiyaa murtee seenaa qabeessa fayyadamummaa uummata keenyaa murteessuu kaasuun, wixineen labsii qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi'uun gurmaa'ee har'a Caffeen ragga'e kun qindoomina qaamolee mootummaa kan cimsu ta'uu dubbataniiru.

Riiformiin seeraan kan deeggaramee fi aangoo gadi buusuuf kan kaayyeffate ta'uu himuun, Godinaaleen kanaan dura 21 turan gara Godinaalee 6 caaseffamuu himaniiru.

Godinaaleen kunneenis;

1. Godina Bahaa Oromiyaa

2. Godina Giddugala Oromiyaa

3. Godina Lixa Oromiyaa

4. Godina Kibba Oromiyaa

5. Godina Kibba Lixa Oromiyaa

6. Godina Kibba Baha Oromiyaa ta'uu dubbataniiru.

Caaseffamni kunis mootummaafi uummata sirnaan kan walitti dhiyeessuufi kenna tajaajila mootummaa kan si'eessu ta'uu ibsaniiru. Madda Oromia Communication Bureau

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015