Damee Invastimantii dhuunfaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetama -Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa - ENA Afaan Oromoo
Damee Invastimantii dhuunfaaf xiyyeeffannoon kennamee hojjetama -Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa
Fulbaana 18/2019 (ENA) Mootummaan Naannoo Oromiyaa invastimantii dhuunfaa xiyyeeffannoo guddaa kennee kan hojjetu ta’uu, Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa,Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.
Karoora qabame milkeessuuf dhiyeessii lafaa, misoomawwan bu’uuraa, tajaajilaa, sirna faayinaansii fi gabaa walitti fiduun motora ce’umsa dinagdee Oromiyaaaf tolan hojiirra oolu.
Invastimantii gara omishaatti, omisha gara hojii galii fi sirna oomishtummaa gara dorgomaatti jijjiiruun hojjetama.
Saffisa raawwii, hordoffii pirojektii, walitti hidhamiinsa IMX fi bu’aa invastimantii ummata fayyadamaa gochuu irratti fuulleffannaan hojjetama jedhaniiru Pirezidaanti Shimallis.
Gama qabeenya albuudaa Oromiyaa ittiin badhaate karaa seera qabeessaa fi itti fufinsa qabuun misoomsuun, Oomisharratti sona dabaluun al-ergii cimsuu xiyyeeffannaan hojjetama.
Investaroota idil-addunyaa, dhaabbilee teknoolojii fi kaappitaala gahaa qaban waliin walta’iinsa invastimantii tarsiima’aa keessa akka galan ni hojjatama.
Oomishtummaa humna namaa fi intarpiraayizoota albuudaa guddisuu, omishtoota albuudaa gara sirna biizinasii ammayyaatti ceesisuu, teknoolojiifi beekumsa babal’isuun galii damee kanaa guddisuuf xiyyeeffannaan hojjetama.
Waggoota shanan dhufan, qabeenya dilbii Turiizimii madda galii, carraa hojii, toora invastimantiiifi maqaa gaarii naannoo Oromiyaa takka tahuuf xiyyeeffannaan hojjetama jedhaniiru.