Tamsaasa Kallatti:

Caffeen Oromiyaa Miseensota Koree dhaabbii adda addaa muudera

Fulbaana 18/2019 (ENA) Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii 7ffaa Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jiruun Miseensota Koreewwan dhaabbii Caffee muudera.

Dura taa’ota koree dhaabbii Caffee Oromiyaa shanan filatamaniiru. Haaluma kanaan Koree damee misooma magaalaa irratti obbo Diriirsaa waaqumaa, damee seeraa irratti obbo Gabiree Urgeessaa,dhimma dubartii fi hawaasummaa Aadde Kokabee Diidhaa, misooma baadiyaa irratti obbo Abdulhakiim Aliyyii Hasanii fi koree to’annaa baajataa irratti Aadde Lalisee Ittaanaa muudamaniiru.

Caffeen Oromiyaa Yaa'iisaa duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii 7ffaa Magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti geggeessaa jiruun muudama dura taa'otaafi itti aantota koreewwan dhaabbii Caffee Oromiyaa dhiyaate raggaasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015