Tamsaasa Kallatti:

Filannoo marsaa 7ffaan imaanaa uummanni nutti kenne bahachuuf kutannon hojjenna – Obbo Shimallis Abdiisaa

Fulbaana 18/2019 (ENA) Amaanaa guddaa fi ulfaataa uummanni keenya paartii badhaadhinaatti kenne fudhannee waadaa galle bahachuuf yerroo kamiyyuu caalaa qophaa'aa ta’uusaanii Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.


Obbo Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’anii muudamaniiru.

Uummanni keenya sagalee guddaan paartii badhaadhinaa filachiuutiin amantaa irraa qabu irra deebiin mirkaneessessuu ibsuun galateeffataniiru.


Amaanaa kana fudhachuun itti gaafatamummaa fi kutannoo guddaadhaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Uummanni oromoo qabsoo fi wareegama kaffalee injifannoo argachuu isaa ibsuun, imaanaa wareegama goototaa galmaan ga’uuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Uummanni beekumsaa fi dhaabbilee cimaa barbaada, abdii fi tokkummaa uummata keenyaaf tokkummaan dhaabbanna jedhaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015