Tamsaasa Kallatti:

Obbo Aduulsalaam Waariyoo Af’yaa’ii Caffee Oraomiyaa ta’uun filatama

Fulbaana 17/2019 (ENA)- Obbo Aduulsalaam Waariyoo Af’yaa’ii Caffee Oraomiyaa ta’uun filatamaniiru.

Caffeen oromiyaa yaa’ii duraa wagga tokkoffaa bara hojii 7ffaa caffee Oromiyaa gaggeeffamaa jira.

Adde Zamzam Shaaloo Waariyoo Itti aantuu af-yaa ii Caffee Oromiyaa ta’uun filatamiiru.

Muudmni Af-yaa’ii fi itti aanaa Af-yaa’ii kun miseensota caffee argamaniin sagalee guutuun mirkana’eera.

Muudamtoonnis yaa’ii caffee fuulduratti dhihaachuun waadaa galaniiru.

Af'yaa'onni duraanii fi haaraan baallii wal harkaa fuudhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015