Tamsaasa Kallatti:

Mootummaa Haaraa: Biyya Cimaa

Itoophiyaan Filannoo biyyaalessaa bara darbee gaggeeffameen booda mootummaa haaraa ijaaruuf adeemsarra jirti. mootummaa haaraa ijaaruun boqonnaa siyaasaa biyyattii keessatti murteessaa fi furtuudha. Filannoon biyyaalessaa gaggeeffame kun haala siyaasaa fi hawaasummaa biyyattii keessatti gachana ta'uudhaan adeemsa demokiraasii mirkaneessuuf tarkaanfii guddaa ture.

Filannichi haala nageenyaa fi siyaasaa walxaxaa ta'e keessatti kan gaggeeffame ta'us, hirmannaa uummataa bal'aadhaan xumuramuu danda'eera. Uummanni dhiyaatee sagalee kennuudhaan hirmaannaa demokiraasii mirkaneessuu danda'ee jira. Filannoon kun mootummaan seeraa fi fudhatama uummataa qabu akka ijaaramuuf karaa baneera.

Filannoon walii galaa 7ffaan paartileen siyaasaa 42, kaadhimamtoonni kuma 10 fi 438 akkasumas filattoonni miiliyoona 54 irratti hirmaachuusaanii ni yaadatama. Fillannichi karaa nagaa, demokiraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’een milkaa’inaan xumuramuusaa ni yaadatama.

Hundeffamni mootummaa fi sirni baniinsaa mana maree bakka bu’oota ummataa Fulbaana 25 bara 2019 akka gaggeeffamu mana maree bakka bu’oota ummataa ibsuun isaa ni yaadatama.

Akkaataa heera mootummaa keewwata 50 keewwata xiqqaa 3 irratti ibsameen qaamni aangoo federaalaa olaanaan mana maree bakka bu’oota ummataa ta’uusaa fi itti waamamnisaas ummata Itoophiyaaf akka ta’e tumameera.

Kana malees barri hojii mana marichaas torban xumuraa baatii Fulbaanaa guyyaa Wixataa akka eegalu heera mootummaa keewwata 58 keewwata xiqqaa 2 irratti tumameen hundeeffamni mootummaa fi sirni baniinsa mana marichaa Fulbaana 25 bara 2019 ni raawwatama.

Akkaataa heera mootummaa keewwata 56 irratti ibsameen paartiin siyaasaa mana maricha keessatti teessoo caalmaa argate qaama raawwachiisaa mootummaa federaalaa akka gurmeessuu fi gaggeessu ni eegama.


 

Mootummaan haaraa ijaaramu kun abdii uummataa guddaa kan baateedha. Biyyattii keessatti marii fi walii galtee biyyaalessaa ijaaruudhaan nageenya waaraa fiduun dhimma jalqabaa fi murteessaadha. Mirga raawwachiisummaa fi tasgabbii uummataa bakka hundatti mirkaneessuu.

Qaala'iinsa jireenyaa uummata dhiphisaa jiru xiqqeessuu fi dinagdee fooyyessuu. Dargaggoota hojii dhabeyyiif carraa hojii bal'aa uumuu fi investimantii alaas ta'e kan keessaa jajjabeessuu. Qaamolee siyaasaa, hayyootaa fi namoota dhageetti qaban hirmaachisun. Biyyattii keessatti wal-simannaa fi garaagartee jiru kabajuudhaan tokkummaa jabeessuu. Tajaajila fayyaa, barnootaa, fi bishaan qulqulluu babal'isuu fi qulqullina isaanii eeguu. Manni Murtii, Komishiniin Mirga Namomaa, fi dhaabbileen seera kabachiisan walaba ta'aniif qulqullinaan akka tajaajilan mirkaneessuu.


Mootummaan haaraa kun abdii uummataa dhugoomsuuf qormaatilee gurguddoo nageenyaa fi dinagdee duratti argaman hiikuudhaan, uummata hunda qixa tajaajiluuf ashaaraa guddaa kaawwachuun  isa irraa eegama.

Mootummaan uummataan filatame  guddina hawaas- dinagdee uummataa  saffisiisuuf shoora isarraa eegamu  bahuuf kan amman dura hojjeteen olitti ciminaan hojjechuun kan irraa eegamudha. Kennatajaajilaa ammayyeessuun rakkoo kiraasassaabdummaa  fi rakkoo bulchiinsaa gaarii furuun aantummaa uummataa qabatamaan mirkaneessuun itti quufinsa uummataa daran guddisuun abdiin kan  eegamudha.


Omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuun badhaadhina hunda galeessa mirkaneesuuf teekinooloojiiwwan qonnaa  hojiirra oolchuu, mala qonnaa  ammayyeessuu fi qonna gabaan addunyaa barbaadu babal’isuun  fayyadamummaa qonnaan  bulaa guddisuun  dhimma murteessaa dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015