Itoophiyaan gidduugal naannichaaa Annisaa Haaromfamaa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan gidduugal naannichaaa Annisaa Haaromfamaa
Itoophiyaan qabeenya bishaan, qilleensa, aduu fi Jii’ootermaaliin aannisa haaromfamaa misoomsuuf dandeettii baay'ee guddaa kan qabdu yoo ta'u, mootummaan Ida’amuu qabeenya uumamaa sirnaan itti fayyadamuun birmadummaa Annisa Itoophiyaa mirkaneessuuf hojiiwwan gurguddoo raawwatee jira.
Gama kanaan Mootummaan ida’amuu Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa xumuruu bira dabree filannoowwan annisa haaromfamaa biroo misoomsuu irratti hojiin inni raawwate kan eeramanidha.
Itoophiyaan misooma aannisa haaromfamaa ishee of bira dabarsuun biyyoota ollaatiif dhiyeessuun naannicha aannisaan walitti hidhuu keessatti gahee tarsiimo’aa ishee qbatamaan agarsiisaa jirti.
Daldalli humna elektirikii biyyoota akka Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaaf taasifamu biyyoota Afrikaa Bahaa annisaan walitti hidhuun waliin guddachuun akka danda'amu kan agarsiisedha.
Tumsi annisaa kun naannoo daldala bilisaa Afrikaa mirkaneessuuf fi naannichatti wabii aannisaa mirkaneessuuf bu'uura murteessaa ta'ee ittifufee jira.