Abbaay irraa hanga hulaa galaanaatti: imala cichoomina Itoophiyaa - ENA Afaan Oromoo
Abbaay irraa hanga hulaa galaanaatti: imala cichoomina Itoophiyaa
Misoomni Itoophiyaan waggoota darban keessatti gama hundaan agarsiiste guddina aja'ibsiisaadha. Waggoota kanneen keessatti qormaatilee adda addaa cichoominaan bira darbuun bu'uura badhaadhinaa kaa'uu isheetiin fakkeenya guddaa taatee jirti. Imalli keessoo qormaata qabuu fi dhiibbaa jii’opolitikaa dandamachuun badhaadhina ummata ishee mirkaneessuuf ariifachaa jirti.
Ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itoophiyaa yeroo eegalu pirojeektii idileetiin ol, madaa seenaa biyyattii wal'aanuuf tarkaanfii guddaa fudhatamee ture.Lagni Abbaay yeroo dheeraaf Itoophiyaa keessa yaa'aa kan ture ta'us, ummanni ishee garuu dukkanaa fi hiyyumaa keessatti akka jiraatu dirqamaa ture. Dhugaa kana jijjiiruuf hidhi eegalame kun amma dhugoomee jira.
Hidhi guddichi kun liqii fi deeggarsa alaatiin osoo hin taane, baasii hojjettoota mootummaa, qonnaan bultoota, daldaltootaa fi diyaasporaa irraa walitti qabameen kan ijaaramedha. Dhiibbaan naannoo fi idil-addunyaa irratti baay'atus, Itoophiyaan mirga fayyadama bishaanichaa kan haqaa irratti cichuudhaan hidhicha hojii eegalchiifteetti.
Hidhi Guddichi Haaromsa Itoophiyaa kun ibsaa maddisiisuu eegaluun isaa industirii babal'isuu bira darbee, biyyoota ollaatiifillee humna elektriikii dhiheessuun danda'ameera. Hidhi Haaromsaa Itoophiyaanotaaf ilaalcha "hin dandeenyu" jedhu cabsee, ilaalcha "ni dandeenya" jedhutti kan ceesise mallattoo cichoominaa ta'eera.
Itoophiyaan hidha kana erga milkeessitees, faayidaa dinagdee biyyaalessaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo ishee gara filannoowwan hulaa galaanaatti garagalchitee jirti. Biyya hulaa galaana hin qabne baasii garagaraatiif kan saaxiluu fi dorgommii daldalaa kan miidhu waan ta'eef, hulaa galaana argachuun dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti.
Hulaa galaana dhabuu qofaa osoo hin ta'in, buufata galaanaa tokko irratti qofa hirkachuun rakkoo dinagdee qofa osoo hin taane rakkoo nageenyaas ni qaba. Gaaffiin hulaa galaanaa Itoophiyaa humnaan ykn dirqisiisaan osoo hin taane, karaa nagaa, seeraa fi fayyadama waloo giddu-galeessa kan godhatedha.
Keessattuu Itoophiyaan naannawa Galaana Diimaa keessatti gahee kan qabdu taatee seenaa qofa osoo hin taane; haala Jii’oopolitikaa, Dinagdee fi nageenyaatu dirqisiisa. Ummata miliyoona 130 ol qabaachuun ishee, giddugala humnaa hin raafamne ta'uun ishee fi shoorri isheen nageenya naannichaa eegsisuu keessatti qabdu nageenyaa fi guddina misooma Galaana Diimaatiif bu'uura guddaadha.
Itoophiyaan Galaana Diimaa malee, Galaanni Diimaas Itoophiyaa malee guutuu hin ta'an. Naannawa tasgabbaa'aa hin taane kana keessatti biyya keenya Itoophiyaa waantotni murteessituu akka taatu ishee taasisan hedduudha.
Itoophiyaan biyya ummata miliyoona 130 ol qabduudha.Akkasumas naannawa kanaatti biyya dinagdee guddaa qabduudhas. Biyya guddoo Galaana Diimaatti dhihoo argamtuu fi giddugala daldalaa taate kana osoo hin hammatin, waa'ee nageenyaa, tasgabbii fi guddina naannawa Galaana Diimaa yaaduun hin danda'amu.
Kanaaf biyyi naannawichatti murteessituu taatee fi abdiin guddaan irratti gatamu Itoophiyaan, naannawa kanarraa fageeffamuu ishee callistee yeroon itti ilaaltu darbeera.
Naannicha keessattis qooda ishee kan bahatu yeroon isaa dhihaateera. Itoophiyaanis humna murteessaa dhugaa ta'uu ishee ni mirkaneessiti.
Imalli Itoophiyaan Abbaay irraa hanga hulaa galaanaatti gootu, qabeenya uumamaa isheetti fayyadamtee ummata ishee hiyyummaa keessaa baasuu fi bakka seenaa fi jii’oopolitikaa isheef maluu qabachuudha.
Akkuma ijaarsi hidha Haaromsaa cichoominaan eegalamee xumurame, abbummaan hulaa galaanaa fi mul'anni misooma waaraanis diploomaasii nagaa fi tokkummaa biyyaalessaatiin dhugooma jedhamee kan amanamu imala biyyaalessaati.